Friday, April 02, 2010

Ibsa Maree ABO Dhinsuu fi Humneessuu (OLF)

Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) erga bu’uurfame eegale hanga hardhatti injfannoo gurguddaa galmeessuun as ga’un saa beekamaa dha. Hardhas, gufuun tokkoo tokkoo dura haa dhaabbatan malee, qabsoo ummata Oromoo galmaan ga’uf akeeka ganama manaa baheef osoo gad hin dhiisin waliigaltee qabsaa’ota bilisummaa Oromoo hunda haammatu dhugoomsuuf tattaaffii ol’aana ABOn itti jiruu abdachiisaa dha.
Dirqama qabsoon gaafatu guutummaatti mo’achuuf, qabsoo bilisummaa milkiin xumuru fi jireenya ummata Oromoof wabii argamsiisuuf ABO deebisanii dhinsuu, gurmuu qabsaaota Oromoo walabaa deebisuu fi humneessuun gaafatama qabsa’otaa fi waligala ummata Oromoo ti.
Garaagarummaa fi diigaminsa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti baroota hedduuf babal’achaa fi hidda gadi fageeffachaa dhufe mariin furuun (dachaasuun) gaaffii yeroo ti. Feedhiin kun kan qabsaa’otaa qophaa osoo hin taane hunda caalaa abdii fi hawwii ummata Oromoo ti.
Dheebuu sabaa kana deebisuun ABO bu’uura kaayyoo walabummaa Oromiyaatii fi bilisummaa ummataa qabsaawootan ganama karoorfame irratti deebisanii ijaarudhaaf qaamota ABO J/Dhugaasaa Bakakkoo fi J/Kamaal Galchuun hogganaman gidduutti mareen geggeefamaa ture walhubannoo ol’aanaa irra akka ga’e ummata keenyaa fi qabsaa’ota Oromoof yeroo labsinu gammachuu fi qabsoo hadhaawaa nu eeggatuuf wareegama barbaachisuu kafaluuf akkuma kaleessaa hardhas qophaawoo ta’udhaani. ABO dhinsuuf humneessuun qaamota maqaa ABOn socho’an hunda kan hammatu osoo ta’ee waan filatamuuf yaaliin hunda waliti fiduu itti fufa. Hojiin nu afatu wal-hubanno kana irratti irkachudhaan gara tokkummaa keenya dhugoomsuuti deemuu ta’a. Kunis yeroo gabaaba keessatti milkiin ni baha jennee abdanna.
– Full Press Release, read either:
1) OromooLiberationFront.org
2) OromoLiberationFront.info