Wednesday, February 06, 2013

Ulfummaa Kaayyoo Qabsoo Sabaa

www.gubirmans.com
Raayyaa halagaa guddaan seenaa, aadaa, dudhaa fi afaaniin adda ta’e hidhannoo fi mala addaa qabu biyya Oromoo irra dhangla’ee qabachuun dhumisi irraan gahe waan galmeen jiru. Sanaan biyyaa fi qabeenyi saanii ni dhunfatame. Nammi dhuma irraa hafe kaan gabaa garbaatt gurgurame, kan tola akka raayyaa diinaa tajajilu tolfame. Erga cabuu saanii mirkaneeffatee duubas abbaa biyyumaa saanii haqee gabbarummaati jijjiire. Sadarkaa itt haanuuf karoorri diinni baafates akka olhantummaan saa bara dheeraaf hin uggamne, kan qabame mataa ol qabatee akka isa hin ilaalle tolchu ture. Eenyummaa ofii haqee aadaa, afaan, seenaa diinaa akka kan ofiitt fudhatu dirqisiisuu yaale. Battala amantee saanaaii fi caffee saanii miseensota rayyaa saa fi jala kaatuu bakka bakkaa funaane qubachiseee. Sana gochuun mandara naannaa irraa barsiifataan, hojiin, ilaalchaaan adda ta’e ijaare. Wanti ammayaa ta’e hundi achiin burqee dudhaa sabichaa baadiyyaa irratt hundaawe keessa holola diigaa fi dhibee facaasuutt ka’e. Oromiyaan “qinyi hagar” kooti jedhee labse. Hacuuccaa fi arrabsoon ummati bokoke jaatamoota keessa marii gaggeeffateen mootummaa walaba dhaabbachuun furmaata akka ta’e murteeffate. Biyya walaba keessa bilisummaa, walqixxummaa fi gammachuun jiraachuun kan barbaachisu hunda baasuun kaayyoo sabicha ta’e. Walabummaa fi birmadummaan mirga uummaa ilmoo namaati. Kanaaf ulfoo dha. Mirga kana mirkaneessuuf ABOn dhaabbate. hunda dubbisuuf as tuql