Haalli gaanfa Afrikaa keessa jiru, ummata naagatt caalaa hadhaawaa fi bilisummaa sabootaa fi abba tokkeett roorroon hammaata deemaa jira. Sun ta’eellee sabboonoti Oromoo muuxannoo qabsoon qayyabannoo walfakii hin uummannee. Murna adda addaatt qoodamanii hoomaa oofeett dabalamuuf yk kaan caalaa jiga yaafachuuf eeggataa jiru. ABOn erga ijaarame inni lammaffaan hedduu yaalame kantaree hafe. Haa tahu malee jeequmsi ayyaamii hawaasaa irra gahe salphaa hin turre. Sun sirrii akka hin turre carraalee hedduu dhimma hin basin darban irra hubatamuu dandaha. Oromiyaa fi ollooti shee bulcha gurmeesbadin boba’aa jiru.
Keessatu Oromiyaan yoo daftee fala argachuu baate badiisi itt aggaamamaa jiru kan cufaati. Kana keessaa bahuuf gamtaan sabboonotaa hedduu gargaara. Mootummaan amma empayeriti bulchu, irraan dhaadannoo uummataa lallabaa, jalaan samichaa fi balleessaa gara jabina hamtuun oofaa jira. Mootummooti darban lafti hundu gulummaa keenya jedhu. Inni kun akka hin taane beekee waan dandahe hundda cuunfachuuf yaalaa jira. Kanaafi gatii yaraan lafabuttuu garba gamaati gurgurataa kan jiru. Qabeenyi Oromiyaa keessaa bahu deebi’ee Oromiyaaf satoo hin tahu. Darbee abba tokkootaa fi biyya aayyaa bulchootaa gabbisa. Kanaaf Oromiyaan hanqina nyaataa, waldhaansaa, fi qophii barumsaa akka qabataa hin jirre herreguun nama hin dhibu. Rakkina saatiif abbaatu falata.
Lafa buttuun kiisiittoo hin naqattuu fudhattee eessaan geessi; akkuma kanaan dura ni deeffanna jedhama taha. Wanti guddaan inni durii balleesse tokko eeggannoo malee muka jijjigse bakka buusuu hanqachuu dha. Inni kun haddhaa ittiin guggubee dafee taadhessu fudhatee dhufee. Inni duri homisha gara caalu naannaati hambisa. Inni kun garba ceesisuuf qarmiinuu isa hin hafuu. Kanaaf amma agabuun nama fixaa, yeroo deeffatan lafa homaa hin biqilchine qarsaa dhiisee deema jechuu dha. Haddhaan sun fayyaa fi wal horuu nama, horii fi bosona biyya irratis akka dhiibbaa qabu himamaa jira..Ummatis, horiin saanii, lafti, fi margoon saanii hundi maseenuuf deemu jechuu dha.
Yeroon waa’ee biyyatoo yaadu gadadoo hammaa bahaa ummati keenya guyyuu keessa darbuu fi haala kanneen kana teenyee hin laallu jedhanii kakatantu qaabannooti na dhufa. Jannoota jireenya qananiin gaariti jedhanii akka sabi saanii maqaa fi ulfina badde deebisee gonfatu ficilantu dhugaanis abjuunis ijarra na deema. Amma maqaan saanii daldalaf yeroo dhimma itt bahamuu yaalamu dhagahuun gadda guddaa irra nama buusa. Kaan kaanimmoo safuu cabsanii awwaala hin beekamne keessati maqaa saanii xureessuu yaalaniiru. Silaa walitt dabalamani angoo hin uggamne kan ta’an, dantaa adda addaaf du’aa fi jiraati dhimma walitt bahuu hamilatani. Keettolee fi hankaksitootni maqaa gootota keenyaa balleessuun mooraa qabsoo facaasuuf kan isaan hin yaalin hin jiru. Sun akkuma ta’e haa ta’uu, akkamiti martii hamtuu kana keessaa cabsanii ba’uu, mee ofis walis haa gaafatani? Gamtoomuu caalaa falli biraa jira laata?
Nammi hedduun qabsaawoti gargar bahuu malee maaliif akka gargar bahan hin hubatu. Kanaaf heda hin taanerratt hundaawee xumura shaamoo hin qabne irra gaha. Golli malbulchaa kamuu yeroo dhaabbatu akeeka saa fiixaan baasuuf dudhama fi kutannoo qabu kan jedhu hawwata. Sana duuba waan irrati waliigalan lafa kaa’atanii masaka saatiin sosso’uu. Seeri isaan baafatan seera Waaqaa miti; fedha waloon jijjiiramuu dandaha. Kanaaf fedhi waloo kan hogganaa haa tahu kan murnaan bakka hin buufamu. Sun gurmuu baqaqsaa, atooma jeeqaa. ABO irra sanatu gahe. Murnootatu qayyabannoo waloo diige. Sana duuba afaan tokkoo dubbachuu dadhabani. Hunduu qolasaa keessati, miira adda addaa waan guddifateef waliti deebi’uuf garlamee ta’ee mullata.
Erga gargar bahanii meeshaan waliti duulaniiru. Murnaa fi abba tokkeen afaaniin nama madeessaniiru. Garri tokko isa biraa balleessuuf carraaqaniiru. Waliigalati dhama’uu haa ta’uu malee godaanisa hin fayyinee dhiisee darbuu hin oolle. Diinati duuluun afaan duwwaati yoo gadi bu’u, wal balleessuun “diimaa” irra gahee jira. Firummatt hameenyaan dhihaachuun dambii tahee ture. Sun haleellaa suduudaan Oromumma irratt tolfame. Wal danda’uu irra eeboo waliti mirmirsuu filachuun tooftaa hankaaksitootaati. Sana gochuun saba saanii fi gola sadaffaa biratt, dhugaa ta’ee fudhatamuu fi amanamummaa argachuu dhabsiisaa. Deggertootii fi miseensoti amma murnoota gula yaa’an qabsoon karaa irra ce’uu saatiif gaaffii kaasaa jiru. Kaan diinatillee harka kennatan agarree jirra. “Asii fi achi ayyallaa yoo sodaate hin gallaa …” jedhe dargaggeessi. “eeyee hin gallaa, waawuu hin gallu”, gaaffii deebii barbaadutu qabsawota birati hafe. Gidiraa si’ana ummata irra jiruuf abbawummaa qabu.
Qabsicha biyya alati cunqeessuun dirreen biyya jiru ni gatame. Diinni naannoo dhibuun kan kahe yoo qabsaawoti waliti deebi’an nama hin dhibu. Sun tahees jannooti dirree biyya jiru. Ala taa’anii jannoota kana hoogganna jechuun ofirrummaa taha. Jara akkasiif deggeraa tahuu dhiisanii hoogganaa tahuun qabsicha osoo hin hubin hin hafne. Kanaaf sararaa taliilaan gargar bahuun gaarii dha. Kan furga’uu barbaadu takaaluu irra milkiin bahi jedhanii ooffalchuun wayyaa dha. Fakmishoon Hayila Sillaasee garba gama taa’anii fedha ofii namarrati fe’uun amma maa’ii hin baasu. Hoogganni kan saba keessa taa’ee hogganu. Loltuun diina harkati kufuun, du’uun, baduu fi ganuun kan jiru. Raayyaa guutuun haqamuu dandaha.. Sabboonaan dhugaa kanneen hamma dhugaatii jara waliin dhaabbatu yk deebisanii ijaaruuf kan hin guungumne. Kan lubbuu illee kennuuf dhihatan akka jiran hin dagatu. Biyya abbaa ofii caalaa kan nama boonsuu fi kan nama golgu hin jiru. Qondaallonni waan gaafatamu baasna malee walabummaa saa hin dhoofsisnu jedhanii kakatan, kuunnoo gaarreen Oromiya keessa maggalu. Lammii boonsuti isan kan firrisu hin argamu; jabduun saanis gurgudduu irra booree kaa’aa.
Komeen hanga yoonaa sagantaa qabsoo irra jiru, yerroon wal hin gitu, sabi tokkoo kophaa qabsaawee fiixaan baha jedha, sirna jiru keessati qabsaawanii furmaata fiduuf carraa hin banu kan jedhu.
Sabi tokkoo hanga walabummaa fi bilisummaa saa dhabeti haalli yeroon danga’ame qabsoo lagachiisu yoomuu hin dhufu. Hamaa ofirraa faccisuun dhalootee uumaati. Kanaaf tooftaa jijijjiiree kan jalqabe itt fufuu eenyuu dhaabuu hin dandahu. Waa malee hin sossonee waa malees hin dacha’u. Oromoon saba of hin dandeenye irkisaa malee ijaajjuu hin qabu kan jedhan yoo jiraatan yaada abbaa kan dhowwu hin jiru. Sabboonaaf garuu halagaati maxanuu filachuun of mancaasuuti ilaalama.
Addunyaan mandara tokkoo taati jedhu. Ganda tokkoo yoo taates buburrumaa bifa see ammaa gad hin dhiiftu. Komunistotiyyuu sana goona jedhanii abdii hin taaneen hiyyessa gowwoomsanii. Sagantaan ABO waggaa kudhana dura fooyya’e gutummaati hojii irra oolee hin beeku. Osoo gutummaati shakalamee hin mullatin afuuruma erbaala (waraqata) irra jirutu komatamaa jira. Sissiqu goobana jedhama. Bakka jalqaba irra butachuun seera misaati. Duran diinota tarreefaman keessaa fudalismii, kaapitalismii fi kolonummaatu argama. Sirni fudal hariiroo lafaa waliin manca’ee. Kaapitalism baaquleessaati jijjiramee as bahe. Koloniyalism ammallee diriirfatee nurra jira. Kan hin jirree keessaa baafne kan jijjirame mala itt jijjiiree isa hafe meeshaa foyyeffanne itt bobbaana. Goobanuuf sissiquu yk ilaalcha butachuun kanuma. Garuu ammallee Oromiyoon akkuma fira qaban diinas qabu. Dinni saann kan qabeenyaa fi hiree saanii irrati akka too’annoo hin qabanne mormu.
Sabi tokkoo kophaa qabsaawee fiixaan hin bahu jechuun dhugaas dharas of keessaa qaba. Dhugaan saa diina tumsa alaatiin of ijaare jala dhaabbachuuf yoo tummsa walfakkaataa horatan injifannoon akka shaffisu hin haalamu. Hunda caalaa ollaa waliin ulfinaan wal ilaaluu fi walii gamtoomuun kaayyoo bu’uuraa aadaa Oromooti. Garuu dura of jabeessutu eegama. Sabi atoma keessaa qabu diina kamiinu jala dhaabbachuu hin dadhabu. Osoo ofii gamtaa hin qabaatin tumsa alaa barbaachuun diina alaa fi keessaan ofiti guddisuu taha. Kanaaf malee humni Oromoo gamtaan sosso’u fi dubbee amansiisaa qabu, humna halagaa kam waliinuu hidhata fedha waloo irratt hundaawe uummachuu ni danda’a.
Maqaa malee kan duubbee hin qabne, tumsa halagaa uummate obbolaa saati duulchisuu irra hin qoollifatu. Hanga maqichi dhimma baasuuti jarri ofiti qabu taha. Garuu “arba adii” (honga’a malee bu’aa hin qabnee) tahee hafa. Walabummaa, lafquwii fa’itu murteessa kan jedhan jiru. Biyyi lafaan marfamte Oromiyaa qofa miti. Yaadaanmali waan halle lafquwiitu murteessa jedhu kan yeroon itt darbe waan taheef eenyuu dhimma godhachuu hin qabu. Rakkisaa tahuus janna murteeffateef yeroo hunda karaan banaa dha. Heera empayerittiin amma ittiin bultu fudhatanii rakkina jiru irra haanuuf qabsaawuu dha, kan jedhan jiru. Sun Bara Dargiis, bara ammaas yaalamee kufee. Nammi mootummaa cehumsaa fi kennata lamaan darban irra akkamit barachuu dadhaba? Humni aboo irra jiru eenyuufuu angoo hiruu hin barbaadne. Kan angoo humnaan qabate tola yeroo irra bu’u dhagahamee hin beeku. Humni kun empayerittii waan hogganuuf yaa’a kolonummaa ittiin balleessan irrati waliin hin dhoofsifnu hin jennu. Kana kan goonu garuu jabina irra kaanee yoo tahe malee, yero amma, murni dhoofsisee bu’aa boonsaa tahe argamsiisuu hin jiru. Kanaaf dura of jabeessuu barbaachisa.
Kaayyoon sochii bilisummaa ganamaa, bilisummaa Oromoo fi ofiin bulummaa (walabummaa) Oromiyaa argamsiisuu dha. Yaadi walfincilaan sanaa alati dhihaataa jiran hundi, isaa gadi akka tahan hubatamuu qaba. Garaagarummaan ilaalchaa, amantee fi gandaa sana gaditi qabamuutu irra jira. Sanneen dhimma waloo osoo hintahin kan martii dhuunfaatii. Kan waliin qabnu biyya takkitii fi fedha bilisummaan bashaanee walabummaa fi walqixxummaan keessa jiraannu. Sabi tokkoo mirga sabummaa ofii ofiin murteeffachuu qaba. Sun Oromoofis mirga hin uggamne.
Sadarkaa sana yoo gahu golooti akka gorsa saanii fudhatu dhiibbaa godhu. Kaan akka inni ofiin buluu filatu, kaan akka inni olloota biraa waliin tokkummaa uummatee jiratu hololu ta’a. ABOn walabummaa sabichaaf dammaqsa. Haatahu malee waan ormichi murteeffatu ni ulfeessa. Irbi “lakkii” yoo tahe seera tumamu jalatt nagaan qabsoo saa itti fufuu dandaha. Sun hundaaf ifaa ta’uu qaba. Ergamsi ABO sana. Hamma nammi tokkoo kaayyoo ganama hordofu hafutti ergamsa ABO irra deebi’uun rakkisaa ta’aa. Simboon ABOn maddisiifame waan alaawuuf keessa deebitootis hin barbaachifnee ta’uu. Kanneen jijjiirama ergamsa ABO fedhan ABO osoo hin tahin jaarmaa bira soquu qabu. Addunyaa keessa akka sanati kan qabsaawan hedduu dha. Isaan keessaa “Front libération du Québec” faa dhahuun ni dandahama. Walabummaa Qubeek argamsiisuuf al tokko kufe jedhee hin dhiisne. Akkasuma ummati Oromiya filmaata ABOn kennuuf qoqqobamuu hin qabu. Sanatu injifannoo boonsaan isa ga’a.
Haalli gaanfa Afrikaa guyyuu, ummata naagaf caalaa hadhaawaa , bilisummaa sabootaa fi abba tokkeett roorrisaa ta’aa jira. Sabboonoti Oromoo akkuma tahet murna adda addaati hiramanii “hoomaa oofee” keessa gugachuuf yk isa kaan caalaa nama of gula yaasuuf carraaqaa jiru. Sun kan tahe, dirqama xixiqqoo fi gurguddaa gargar baafachuu dadhabuu irraati. Dursanii kaayyoo irrati ilaalcha tokkoo qabaachuu deebi’anii walii mirkaneessuu qabu. Garaagarummaan kaayyoo tuqu hundi gara duubaati dhiibamuutu irra jira. Kanaaf durfannoo irrati walta’uun wal amanuu bakkatt deebisee, hariiroo hawaasaa jeeqamsa irraa oolchuu danda’a. Addaan bahuun murnaa tokkoof anjaa adda hin kennine. Caalattuu deggertootaa fi miseensoti akka abdii kutatanii qollifatan yk kaasicha ganan tolche. Oromiyaan ibdda irra jirti. Kan irraa dhaamsu malee kan hidhii xuuxu hin rakkanne. Yeroon saa ariifachiisaa dha. Daddaaquun hedduu duubati deebisuu dandaha. Dafanii qayyabannoo, gamtaa fi dhaaba qilleensi hin seenne uumuun wal keessatis gola sadaffaa biratis amantee uumuu dandaha. Sanaan injifannoon taakkuu caalaa hin fagaatu.
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa GuutamaFulbana 2010
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

Madda:www.gubirmans.com