Monday, January 01, 2007

Dhaamsa Waggaa Haaraa Hayyu Duree Adda Bilisummaa Oromoo

ADDA BILISUMMAA OROMOO
  
   
  Dhaamsa Waggaa Haaraa Hayyu Duree Adda Bilisummaa Oromoo
    
  Maqaa koree Hojii Geggeesituu ABOtii, fi maqaa kiyyaan,
baga bara haaraa 2007 geessan jedha. Barri moofaan
yeroo seenu, caalaa wayyaan akka waliin dhufu hawwuunii fi
akka dhufus carraquun ilmoo namaa irraa kan eegamu.
barri dhufu kan dagaagina qabsoo
itti arginu, kan aagaa, nagaa fi injifannoo akka
hawwii koo ibsa.
   
  Sochiin bilisummaa Oromoo gufuun itti
bara dabres akkuma baroota taranii qabsaawota ijoo
kaayyichatti cichaniin tikfamee bara haaraa kana
dhaqabeera. Gurmuun qabsawota bilisummaas guddataa
qabsoon isaanis caalaa misaa of dura tarkaanfachuu
danda’e. Akkanaanis, balaa kaayyoo dhaabba
irratti agamame facisuudhaan, ittifufa kaayyoo
ganamaa mirkaneessuu danda’ameera.
   
  Gama dhaaba keenya ABOn rakkina keessatti
dhalatee tureen dhaabichi bakka lamatti qoodamuun
beekama dha. Rakkina kanas karaa nagaa furmaata
murna kaayyoo ganama irraa ceheef carraa of qoree of
sirreessuu kennuuf jecha koreen Qaama Cehumsaa jedhama
ture dhaabbatee akka
hojii dhaabichaa geggessaa ture ni yaadatama. Korichi
yeroof kan utubame waan tureef dirqama yeroo isaa erga
fixate booda jaatamee jira.
   
  Korri ABO kan Amajjii bara 2006 taa’e koreen Qaama
Cehumsaa kun akka gadaa hojii isaa raawate murteesse
ABOn hoggana dhaabbataa filatee maqaa isaatiin akka
socho’ii ittifufu tasiseera. Gaaffii Oromoo waan ilaalunis,
motummaa gabroofataa irratti qabsoon tolfamu toora hallen akka
ittifufu ajajee jira. Dabalees, hariiroo dhaabota gara
garaa waliin godhamu irrattis masaka kennuun xumurameera.
Tarkaanfin kun injifatnoo bara dabrsine keessaa tokko ture.
   
  Murtii kora kanaan masakamuunis caasaan dhaabichaa
sirna haaryaa haala waliin deemu dirirfachuun sochiin
mirqansaan mul’achu dandaera. Hunda caalaa kaayyoo
ganamaa lakkisuun, bilisummaa Oromoo mirkanessuu
dhiifnaan mirga hanga ammaa sabni Oromoo qabsoon
argatehuu of duuba deebisuuf
akka ta’e ummatni keenya kan  biyya keessaa fi alaas
akka hubatu tattaaffiin godhames firi qabeessa ture.
   
  Karaa kaaniin harirron humnoota Oromoo bilisummaa
Oromoof dhaabbatan gidduutti mul’ates akkan
jajjabeessa ture. Humnootni bilisummaa Oromoo,
afanfaajjii dhaabni AFD ofiin jedhu, kan murni
ABO keessa bahe itti miseensoome mooraa Oromoo
keessatti uume qulqullessuuf ejjennaa tokko
qabaatanii dura dhabbannon godhan afanfaajjii
ture ittisuu irratti gumacheera. Haalli kun
ittifufee, akeeka ifaa jalatti qabsoo waliin
qindeeffatnii gurmuu tokkoon akka waliin
socho’an bu’uura buseera.
   
  Haala sochii ummata keenya yoo fudhanes
raoorroo fi midaan diinaan irratti raawwatamu
haa dabalu malee waldhaansoon mootummaa gita-bulchiinsa
Tigray irratti deemsisu caalatti jabaatee fi
bal’atee mul’ateera.
Keessumaa bartootnii fi dargagotni hidhaa fi
ajjechaa diinaanf osoo hin jilbeenfatin
goleelee Oromiyaa hunda keessatti sochiin
godhan boonsa ture. Sochiileen ittifufaa
fi mul’atan kun qabsoon Oromoo sadarkaa
ummatatti jabaachaa fi humnaawaa deemuu
kan
mirkaneessu ture jechu dandeenya.
   
  Akkuma qabsoon ummata keenya jabaachaa
dhufuun, mootummaan Wayyanee yeroo kaiuu
caalaa ummatan lagatamaa fi kophxawaa
dhufun yeroo calatti mul’atera. Waanta’eefis,
sirna abbaa irrummaa isaa caalatti jabeessuun
hidhaa fi ajjechaan ummata keenya irraan gahu
daran ol kaase. Umatoota walitti busunis
walgidduutti akka dhiingi dhagalau godhe.
Golii keessaa kanaan qabsoo ummataa ittisuuf
tattaafatu irra dabrees didda keessaa ukkamsuuf
imaamata biyyoota ollaatti goolii busuu ittifufe.
Akkanaanis
kuno biyya walaba taate Somaliya weraree
obolwan Somaliya rakkina isaani walii isaani
giddutti akka hin fixanne gufuu ta’ee nannicha
jeeqa jira.
   
  Cuunfatti barri dabrsine qabsawota Oromoo
fi ummata Oromoofis yeroo falamaa jabaa fi
milkiilee nama jajjabeessu ture jechuu dandeenya.
Kun akka jirutti ta’ee dhugan irra taramu hin qabne
tokko haala kana gahatti
dhimma itti baanee yeroo injifatnoo dhiheessuuf
sochiin gama jaarmayaatiin mata mataatti ta’e
gamtaan humnootni bilisummaa Oromoo godhaan
gahaa ta’e hin argamne. Humna dandeetti
qabsoon Oromoo qabu walitti qindeessanii qabsawanii
qabsosisuu irratti hir’ina ni ture. Kanuma waliin
dadaqinsi kaayyoo irratti murna garii biratti mul’ates
afanfaajii umuun qabsoon bilisummaa Oromoo dadhabatti
akka hergamu gochuu irratti gumachun
ni jira.. 
   
  Hi’inoota kanneen injifatnee bara haaraa dhufu kana
mirga caalu gonfachuudhaaf qabsawotni Oromoo dirqamni
nu eggatu guddaa dha. Dhaaba keenya ABO, har’a illee
kaayyoo kaleessa qabatee ka’eef amanamaa ta’ee qabsicha
kan ittfufu ta’uu caalaatti hojiin of mirkaneessuu,
ummatni keenya caalatti jaarmyaan hammatamee qabsoo
ittifufaa ta’e akka godhu
hojjetuun fardii. 
   
  Humnootni bilisummaa Oromiyaaf dhaabbatanis dirqamni
isaan eggatu guddaa dha. Akka jaarmayaa fi gamtaanis
dadhabbii qaban gamagamanii, haala
itti gurmuun qabsawota bilisummaa jabaate hojiin itti
of mul’suu fi ummata keenya sochosuu danda’u itti mirkan’u
argamsiisuuf socho’u irra eegama.
   
  Ummatni keenya alaa fi keessas olola ofuun sobamuun mirga
haaraa dhiifnaan isuma qabsoo fi wareegama hanga ammaan
argamehuu kan of duuba deebisuu fi hamilee dhaloota
dhufuu kan hubu ta’uu hubatee qabsoo bilisummaaf godhu
jabinaan baranas ittifufuun qaba.
   
  Mayyii irratti, haalli keessa jirru xaxaa ta’uu ni
hubatna. Haalli xaxaa fi rakkisaa dha jennee haalaaf
jilbeenfatu osoo hin taanee haala jiru jabinaa fi
qabsoon jijjiruuf qabsawu feesisa. Qabsoon keenyas
dheeraa fi ba’a bu’ii akka qabu beeknee karaa salphaa
fi qaxamura hin argamne eegu irra gurmuu keenya
jabeesinee muratnotan warraquu dha. Cimina jaarmaya,
qabsoo qindawaa fi ittifufaa, of irratti fi ummata
Oromoo irratti
abdi qabachuu bu’uura taasifate magarsuun bara 2007
kan milkii fi injifatnoo taasisuuf haa kaanu.
   
  Oromiyaan ni bilisomti
  Qabsoon ittifufa! Injifatnoon ni dhufa!
   
  Dhugaasa Bakakkoo
  H/D ABO 
  31 Mudde 2006

No comments: