Saturday, August 04, 2007

Oromo>>Manni Maxxansaa Oromia hojii jalqabe.

Dhibdeelee barreessitootni Oromoo karaa maxxansaa fi raabsaa qaban furuu fi guddina dagaagina aadaa fi og barruu afaan Oromoo keessatti hirmaannaa ol- aanaa ba’uuf kan akeekkatee bu’urri mana maxxansaa Oromia xumuramee hojii jalqabee jira.
Waggaa lama dura yaada namoota baayyee muraasaan yaadni isaa kan jalqabe ijaarsi mana maxxansaa kun Adoolessa 26 bara 2007 magaalaa Minneapolis Minsootaa keessatti walgahii gaggeeffateen, seera bulmaataa, diriirsa bulchiinsa hojii, fi sagantaa hojii mana maxxansaa kanaa irratti bal’inaan erga mari’ateen booda miseensota boordii nama torba qabu kan ofi keessaa file yoo ta’u, koree hojii gaggeessituus ramaduun walaghii isaa milkiin xumuree jira. Manni maxxansaa Oromia kun Ormia Publishing LLC jedhamee kan beekamu yoo ta’u akka seera Amerikaa kutaa Georgiattis seeraan galmaa’ee jira.
Oromia Publishing LLC(OPLLC) Hojii isaa isa jalqabaa kan ta’e kitaaba Oromummaa jedhamuu fi Dr Asaffaa Jaallataan barreeffame dhiheenya maxxansiisee magaalaarra kan oolche yoo ta’u, dhiheenyattis kitaabota adda addaa afaan Oromoo fi biroonis barreeffaman maxxansiisee magaalaarra oolchuuf jira.
Carraa kanaanis namoonni kitaaba barreessitanii akkaataa itti maxxansiifattan dhabdanii jirtan, kan barreessaa jirtanii fi barreessuuf yaada qabdan, akkasumas barreeffama do’ii fi fiilmii ta’uu danda’an kanneen barreessuu dandeessan martuu mana maxxansaa Oromia yoo qunnamtaniif gatii dadhabbii keessanii baasuun hojii keessan fuunee magaalaarra isinii oolchuu akka danda’u OPLLC amumaan isin beeksisa

No comments: