Friday, September 07, 2007

Murtiilee fi Kutanoolee Kora Adda Bilissummaa Oromoo

Hoogganootni fi miseensotni ABO, bikka addaa addaatii dhufan Adoolessa25, 26 fi 27, 2007, magaalaa Minneapolis MN keessatti Kora waggaagodhatanii injifatnoo guddaa fi milkii bareedaan xumuran.

Kora kana seenaa Oromoo gara fuuladuraatti barreeffamu keessatti adda godhee kan jiraachisutu jira. Kunis, murni Shanee Gumii dhaaba keenya fi miseensota keenya kaayyoo ganamaa qabatanii sosso’an mana seeraatti geessuuisaaniiti. Iyyata isaanii keessatti maqaa ABOn sosso’uun keenya miseensotafi galii isaanii jalaa akka xiqqeesse tuquudhaan abukaattootti fayadamanii galmeessan. Yeroo itti abukaattoo bitannuuf illee akka nuti yeroohin arganneef jecha xalayaan hammeessaa isaanii Jimaata fi Sambataduraanu gahee mana seeraatti immo Hojjaduree 8:30 WD akka dhi’aannuufgodhame.
Manni seeraas iyyata isaanii fudhatee maqaa ABOn walgahii hawaasaagafaa Adoolessa 27, 2007 yaamaa turree akka nuti hin godhanneefyeroodhaaf nu dhaabee ture. Haata’u iyyuu malee, tarkaanfii bareedduu miseensotni dhaaba keenyaa yeroodhaan fudhatan irraa kan ka’e deebiin gargaarsa abukaattootti fayyadamnee dh’eeffanne fudhatama argatee dhowwi nuirra kaa’ame nu irraa ka’ee walgahii hawaasaa fi kan miseensotaa akka saganteeffanneetti milkiin godhachuu fi xumurachuu dandeenyee jirra. Deggersi miseensota fi lammiwwan Oromoo bilissummaa Oromiyaaf qabsaa’an dhaamsi deggersaa isaan dhaaba keenya fi miseensota maqaadha’amanii hammeeffamaniif ergan hamilee kan nama kakaasu turan.
Isaan hundumaanis galata qabsoo argadhaa ittiin jechuu jaallanna.Haala akkanaa keessatti walgahiin fi korri tahe ejjenoolee fikutannoolee armaan gadii baasuun raawwatame.


Mootummaa Wayyaanee ilaalchisee:


1. Koloneeffataan Mootummaan Wayyanee maqaa diimookraasiin ijaarameeharka lafa jalaan garuu sirna fokkataa faashistummaatti fayyadamee ummataOromoo mirga dhabamsiisaa, qabeenyaa saamaa fi lubbuu isaaniigalaafataa jiraatuun isaa har’a firaafii fi diinaafiis ifaa ta’ee jira. Gochaafaashistummaa isaa kana guddifnee balaalleeffanna. Gocha kana akkaammuma ariitiin dhaabu ni gaafanna.


2. Ummata keenya kan sarbamee bittaa habashaa dhufee-darbaajalatti hacuucamaa jiru, bilisa bahee akka kaayyoo dhaaba keenyaaABOtti Republikii Dimookraatoftuu Oromiyaa dhaabbatuuf qabsoo jalqabne hamadhumaatti ittuma fufna.


3. Mootummootni fi dhaabboleen biyyotaa ollaa fi fagoo kan hacuucaa fisirna gabroomfataa ummata keenya irratti akka lubbuun dheeratuuf karaagaraa garaan mootummaa Wayyaanee utubaa jirtan hundumtuu, tarkaanfiifudhachaa jirtan akka dhaabdan maqaa ummata keenyaa Miliyoonaafurtamaatti heregamaniin isin gaafanna.


4. Lammiiwwan keenya waggoota dheeraadhaa jalqabee bittaa habashaajalaa miliquuf qee’eesaa fi dachii isaa dhiisee, biyyoota ollaattibaqatee jiraachaa jiru, mootummaan Wayyaanee isaan faana bu’ee adamseeajjeessaa akka jiru argina. Hojjii fokkataa kana osoo ilaalanii mirgabaqataa eeguu hanqachuun, loltuun Wayyaanee akka saree maraatuu asi fiachi lixxee baqataa Oromoo cicciniinaa jiraachuu ishee akkadhaabduufi dhaabboleen akka UNHCR dhiibbaa akka irratti godhanii fi hawaasabaqataa Oromoo iddoo kamittu akka golgan ni gaafanna.


5. Ilamaan Oromoo kan biyya ambaa jiraattan, maqaa lafa argannajedhuun diinaaf irree taatanii Oromoo lafa isaa irraa buqqisiiftanii lafafudhataa jirtan hammeenna kana saba keessan irratti hojachuu akka dhaabdanisin hubachiifna. Seenaa hamtuu dhimma mataa keessaniif jettanii,ofii keessan jaalachuudhaan saba keessan irratti yakka seenaa kan keessaahin hojataa jirtu. Gocha kana irra akka deebitan isin gaafanna.


Murna Shanee Ilaalchisee:


1) Oromiyyaa irraa biyya hiixuu tahe keessatti of ijaaree tarkaanfiiuummata keenyaaf bilissummaa isa dhugaa fidu osoo hin tahin hawwiijaraa guutuudhaaf uummata Oromoo afaanfajjeessuu irraa akka dhaabatugaafanna.


2) Ummata keenya uummata Oromoof daandiin siyaasaa kam akka bu’aafiduuf isaan fuuldura dhaabbannee wal falmuu osoo hin tahin,maallaqa hawaasni Oromoo qabsoo bilissummaaf gummaache gaaga’uu kan danda’umana seeraa biyya ambaa filachuu murna shanee jabeessinee balaaleffanna.Kun tahee osoo jiruu daandii dhugaa fi haqaa kan uummata keenyabilissummaa isaatiin gahu qabannee adeemaa akka jirru waan amannuuf shira nuirratti xaxamu mara ciccirree gatuuf boodatti akka hin deebine irbuuseennee ni haaressina.


3) Qabsaa’onni dhuga murna kana jalatti akka miseensaattigalmaa’anii kan fi deggertoota Shanee Gumii, osoo gad fageessanii hinhubatiin umirii jara kanaa dheeressa jiraniin, qabsoon keenya isinirratti osoo hin tahin bilissummaa Oromoo dura kan dhaabatu irratti tahuuisaa isin yaadachiifna.


4) “Tooftaaf”, maqaa jedhuun uummatni keenya haga har’aattiQabsoo isaatiin mirga tokko tokko inni galmeeffate illee dachaasuufqophaa’uu isaanii kan hin dhoksine oftuultota habashaaf daandii isaanittiin deebi’anii aangootti ol bahanii hawwii isaanii ittiin guuttatantahaa jiraachuu isaa, murni shanee akka hin daganne yaadachiifna.


Tumsa Kaayoo Qabsoo Oromoo (TKO) Ilaalchisee:


Tumsi Kaayoo Qabsoo Oromoo gaafa utubame irraa jalqabee waldhaansi innikaayoo bilisummaa saba Oromoo akka karaa irraa hin maqne godheguddifnee dinqisiifanna. Tumsa kana hundaanuu bira dhaabachuu murteefanne.Tumsi kun akka seminaara naannoo akka Washington, DC, Minneapolis, MN,fi Torontoo, Kanada fa’atti godhu ni gaafanna.


WBO ilaalchisee:


WBOn abdii bilisummaa ti; abdii Oromoo ti; irree saba Oromoo ti.Qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuu fi Oromoo bilisummaa gonfachiisuufmurteessaan WBO ta’uun isaa amanamee, isa jabeessuuf murteeffanne.


Kora ABO Adoleessa 2007.

No comments: