Friday, December 12, 2008

Waamicha Qabsoo Bilisummaa Oromoo Jabeessuu

Guyyaa (Date): Muddee 11, 2008 Lakko. (No.): 1208/ABO/05
Waamicha Qabsoo Bilisummaa Oromoo Jabeessuu
Abba tokkootaa Miseensota ABO Turan fi Murnootaa Maqaa ABOn Sosso’an Hundaaf
Oromiyaan erga qabamtee ka’ee yeroo ummati see diina ofirraa hin facisin darbe hin jiru.
Haatahu malee qabsoon saa kan wal hin hammanne waan tureef milkaawuu hin dandeenye.
ABOn erga dhabatee kurnanoota afur lakaawataa jira. Baroota lakkaawwate kana keessa
rakkinaa fi ballina hedduu keessa darbee. Haa tahu malee hanga 1991 qabsoo hadhaawaan
maqicha fi tokkummaa qabsaawota wayyabaa tursuun dandahameera. Injifannoon hin
tuffatamnes galmeefamee ture.
Haalli 1991 dhalate tolaas hamas akka fide ni beekama. Tolaan saa yero itt ummata keenya
hundaan walbarru fi bobbaa keenya ballifannu argachuu dha. Hamaan dhufe tokko diinaan
dagamuu yagguu ta’u inni lammaffaan keessa deebinee of qoruu irratt xiyyeeffacchu
dandhabuu dha. Shira diinaa osoo xiinxallee dhugaa fi soba walii maqfannee irratt wal hin
qeeqin hafuun keenya tokkummaa qabsaa’otaa balaa ammaa inni keessa jiruuf saaxile. Sun
yeroo amma hammaatee fi bal’atee waan jiruf yoo hatattamaan furmaati itt hin tolfamne kan
ijaaraa turre hunda diigee biyya keenya gadadoo jalatt hambisuu dandaha. Kaayyoon keenya
bilisummaa fi ofiinbulmata Oromiyaati jennee kaane. Haatahu malee, akkaataa tokkoo tokkoon
keenya hojii itti gaggeeffannu fi dhimma keenya fira fi alagaatti himannu waliin jiraachuu
keenya shakkii jala buusee hanga gargar bahuutti nu geessee jira.
Guutuu isaa Dubbisaa


Waamicha QBO Jabeessuu
Source: ABO

No comments: