Thursday, May 28, 2009

Mootummaan Eertira, mirga baqattoota Oromoo dhiita


Dhiitama mirga dhala namaa mootummaan gabroomfataa Ixoophiyaa irraan gahu jalaa baqatanii Oromooti biyya Eertiraatti kooluu galatummaa gaafatan, biyya itti baqatan keessatti illee, mirga akka baqattaatti qaban sarbamanii dararamaa akka jiran, murnoota baqattoota achi irraa miliqanii bahan irraa gabaasaa nu dhaqabe ni hubachiisa..

Baqattooti Oromoo Eertiraa keessa jiraatan, dhaaba Oromoo Eertiraaf meeshaa ta’e akka deggeraniif kan dirqaman oggaa ta’u, kanneen dirqama kana didan, mirga baqattummaa fi biyya alaa qubachuuf qaban sarbamanii akka hiraaran ta’aa jira.

Dhaaba Shanee balaaleffatanii kanneen keeysaa bahan fi dhaaba Shaneetti seenuu didan, hedduun carraa biyya alaa qubachuu eerga argatanii booda, mootummaan Eertiraa hayyama ittiin biyyaa bahan waan dhorkatuuf, biyya kana keessatti jireenna aarii, soda, abdii kutannaa jiraachaa akka jiran beekameera.

Baqattooti bifa kanaan dhiitammi mirga dhala namaa irra gahaa jiru keessaa gariin haadha manaa fi ijoollee xixiqqaa kan qaban oggaa ta’u, mooraa UNHCR, kan gaazexessitooti daawwachuu hin dandeenne keessatt, rakkina nyaataa, bishaanii fi qorichaatiin rakkachaa akka jiran oduun kun itti dabalee mirkaneesseera.

Baqattooti kun, biyya UNHCR kenniteef qofa irraa osoo hin taane, biyya kamuu deemuu akka hin dandeenne dhowwamanii hojii humnaa adda addaa irratti fedhii isaaniin alatti bobbaafamanii jiru. Baqattooti Oromoo kun hedduun, biyya kana keessaa bahuuf fedhii guddoo kan qaban yoo ta’e illee, mootummaan Eertiraa hayyam waan dhowwateef, jireenna abdii kutannaa fi yaaddoo kan jiraatan qofa osoo hin taane, yoo ummati Oromoo biyya alaa qubatu hin dirmanneef, hedduun Ixoophiyaatti deebi’anii harka kennatuu ykn of-ajjeessuu akka danda’an oduu rifachiisaan kun ni akeekkachiisa..

Kanneen dhiitammi mirga dhala namaa Eertiraa keessatti irra gahaa jiru baqattoonni Oromoo kun, Oromooti biyya alaa jiran, karaa adda addaatiin mootummaa Eertiraa irratti dhiibbaa barbaachisu godhuun rakkina isaaniif furmaata akka barbaadan dhaammatu. Itti dabalees, meeshaaleen quunnamtii biyya Eertiraa keessaa hundi waan hordofamuuf, firoottan fi namoota biyya alaatii beekan dirmaachiifachuu waan hin dandeenneef, rakkinni baqattoota Oromoo Eertiraa keessa qubatanii guddoo gaddisiisaa fi yaaddessaa akka ta’e mirkaneessa.
Maddaa: Maxxansa Karaa Bilisuummaa

No comments: