Friday, February 26, 2010

IBSA WBO ZOONII KIBBA OROMIYAA.

HAALA YEROO, KAN ZOONII KIBBA OROMIYAA ILAALCHISEE,
IBSA WBO ZOONII KIBBA OROMIYAA.

Waraanni Bilisummaa Oromoo, Zoonii Kibba Oromiyaa, adda fottoqiinsa dhaaba keenna ABO keessatti, baroota kudhan dabraniif ture, qabsoo keenna guddoo miidhaa jiraachuu hubannee, gartuuleen ABO sadeenuu walitti deebi’uun moonaan qabsoo akka tokkoomuuf, dhaabbii fudhannee, gaafa 13/09/09 yaamicha tokkummaa qaamota ABO sadeenii fi ummata Oromoof labsuun keenna ni yaadatama. Haa ta’u malee, akka hawwii keennaatti, gartuuleen ABO kun ariitiin walitti dacha’uu hin dandeenne. Kana sababa taasifachuu fi rakkoo qabsoof obsa dhabuu irraa gaafa 09/01/2010 nyaapha ummata Oromoo ajjeesaa jirutti kanneen nu keessaa harka kennatan akka jiran mirkana.

Nu irra guddaan WBO-ZK- OROMIYAA, dhaabbii gantoota kanaa fudhachuu diduun qabsoo bilisummaa Oromootti cichinee akka hafne gammachuu guddaan ummata Oromoo waliigalaaf ibsaa, kaayyoo Bilisummaa Oromiyaa ganuun nyaapha ummata Oromootti kanneen harka kennatan cimsinee akka baleeleffannu ummata Oromootiif mirkaneessina. Tarkaanfiin ganiinsa kun, ummata Oromoof furmaata akka ta’etti ololoota isaan sab-quunnamtii Impaayera Ixoophiyaa irratti fi karaa adda addaa oofaa turan, ammas itti fufanii oofaa jiran dhugaa irraa kan fagaate fi fudhatama kan hin qabne waan ta’eef, gochaa isaanii kana hunda dura akka dhaabbannu jabeessinee ibsanna.

Qabsaawuu malee, gantummaan, rakkoo qabrummaa ummatni Oromoo qabuuf furmaata osoo hin taane rakkina kana daranuu kan hameessu ta’uu isaa jabeessinee waan hubannuuf, haga Oromiyaan gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa jalaa bilisa baatutti qabsoo keenna akka itti fufnu waada keenna ummata Oromoof irra deebinee haaromsina.

Moonaa ABO keessatti, tokkummaan kaayyoo bilisummaa Oromiyaa irratti hundaa’e akka uumamuuf yaamicha ABO’n ZK-Oromiyaa gaafa 13/09/09 gartuulee ABO sadeeniif ( QC_ABO, Shanee ABO fi ABO jijjiiramaa) dhiyeessse onnee Oromummaa fi jaallummaa guutuun fudhatee kan nu waliin dhaabbate, akkasumas, eerga humni hagi tokko nu irraa citee nyaaphatti harka kennatee asis, dhimma tokkummaa irratti ijibaachuu dhabuu irraa nuhi WBO’n ZK-Oromiyaa dirreetti hafne, yaamchi tokkummaaf duraan godhame kun akka milkaahuuf irra deebinee gartuulee ABO sadeeniif gaafa 04/02/2010 yaamicha goone gartuun lamaan (ABO Shanee fi ABO jijjiirama) fudhachuu yeroo didan qaamaan nu biratti argamee yaada fi tinnisa qabsoon barbaaddu cufaan kan nu waliin dhaabbate, akkasumas, qabsoof hamilee guutuu kan qabu fi tokkummaan kaayyoo bilisummaa Oromiyaa irratti hundaa’e akka argamuuf fedhii guddaa kan qabu ABO (QC-ABO) ta’uu isaa hojiidhaan waan mirkaneeffanneef, gaafa 21/02/2010 irraa eegallee, ajaja, qaama kana irraa fudhannee qabsoo akka itti fufnu : ummata Oromoo, miseensota fi deggertoota ABO, akkasumas, gartuulee lameen hafan beeksisaa, har’a illee, moonaa ABO keessatti, tokkummaan Kaayyoo Bilisummaa Oromiyaa irratti hundaa’e akka argamuuf akka hojjennu cimsinee ibsanna.



QABSOON HANGA INJIFATNOO FI BILISUMMAATTI!

ZOONIIN KIBBA OROMIYAA, NYAAPHAA FI GANTOOTAAN HIN DHAALAMTU!

INJIFATNOON UMMATA OROMOOF!

WARAANA BILISUMMAA OROMOO, ZOONII KIBBA OROMIYAA

Gurraandhala 21. 2010

No comments: