Sunday, March 21, 2010

Walgahii "What is Next for Oromo?" jedhu kan OACCn yaamame irratti Haasaa ABOn dhihaate

(Bitootessa 13, 2010, MPLS, MN)
"Addunyaan yeroo kamillee – yoo dirqame malee - salphaatti gaaffii mirgaa keessummeessee hin beeku. Kan isaan seenaa irraa barachuu qaban, addunyaan gaaffii saba akeeka ifaa jalatti ijaaramaee sagalee tokkoon dubbatee, falmate, keessummeessuun isaa kan hin oolle ta’u dha. Kan addunyaan gaaffi saba tokkoo keessummeessuuf, sababa sabin sun mirga jedhame kana qabaateef osoo hin taane sababa sabichi jabaatee falmateefi. Osoo sabichi jaaramee, hidhatee, jaabaatee hin falmatin akkeeka falmatamuuf akka gufuutti dhiheessuun addunyaan akka itti hojjetu hubachuu dhabuu dha (b) Akeeka qabsoo saba tokkof madaalli inni duraa alagaan ni deggera fi hin deggeruu ykn ni jaalataa fi ni jibbaa osoo hin taane, rakkoo fi gaaffii ummattichaaf furmaata ni tahaa fi hin ta’uu dha. Dura akeeka lafa kaayyatanii isaaf tumsa horachuuf hojjechuu feesisa malee akeeka ofii yeroo-yeroon akka addunyaan ni fudhata jedhanii yaadanitti jijjiiraa ooluun furmaata hin ta’u. Kun akka gaariitti hubatamuu qaba." Guutuu isaa dubbisaa

No comments: