Friday, August 27, 2010

ABOn Hawaasa Oromoo Washington DC Qubateef Ibsa Kenne

Gadaa.com

J. Galaasaa Dilboo, J. Ibsaa Guutamaa fi J. Zalaalam Nagaasaa

Ibsa J. Galaasaa Dilboo:

(Hagayya 14, 2010, Washington DC) – ABOn Hagayya 14, 2010 hawaasa Oromoo Washington DC qubateef ibsa kenne. Walgahii “Haala QBO harr’a keessa jiru, tarkaanffii itti aanu fi qooda sabboontoota fi Haawaasa Oromoo” ibsuu irratti xiyyeeffate kana irratti bakka bu’oonni ABO wal duraa dubaan ilaalcha dhaaba saanii gad-fageenyaan ibsan.

Jaal. Galaasaa Dilboo, HD ABO durii fi miseensa Koree Hojii Geggeessitu (KHG) ABO, karaa telefoonaa yeroo dubbatan Jaallan Ibsaa Guutamaa fi Zalaalam Nagaasaa qaamaan irratti argamuun haasaa godhan.

Ibsa saanii keessati, Jaal. Ibsaan haala amma hawaasin Oromoo fi qabsoon isaa keessa jiru erga xiinxalanii booda rakkooleee addaddaa ummaticha fi qabsichatti gufuu ta’an xuxxuqan. Akkasumas, rakkoolee kana furuuf furmaata tokko tokko, kaneen ammatti ABOn irratti hojjetaa jiru fi kan fuula duratti akeeku addadaa ibsan.

Guutuu Gabaasaa (OromoLiberationFront.info)

No comments: