Ummatni Oromoo guyyaa gabrummaa jalatti kufe irraa kaasee bilisummaa fi walabummaa isaa deebifachuu wareegama baasaa as gahe. Ammas wareegama qaqqaalii baasaa jira. Boris, ifitaanis haga bilisummaan mirkanaawuutti wareegama baasuun waan dhaabbatu hin ta´u.
Sabbotonni Oromoo hedduu goolee Oromiyaa mara keessatti mirga abbaa biyyummaa isaani deeffachuuf diddaa godhaniin wareegama qaqaalii baasanii jiru. Seenaan bara baraan isaan yaadatti, warri diddaa abbaa biyyummaa Oromoo irratti wareegaman bara baraan yaadatamaa jiraatu.
Bara 2001 keessa Gootooti barattooti Oromoo murtii dabaa wayyaaneen dhimma Finfinnee irratti dabarsite fi lukkeen hojiitti hiikuuf tattaafatte mormuun gaaffii kaasan, maanguddoon Oromoo kan waldaa maccaa fi tulamaas hiriira nagaa bahaniif deebbiin isaaniif kenname reebicha, gidiraa, hidhaa fi ajjeechaa ture, Gaaffii kana waliin wal qabatee goototi barattoota Oromoo hedduu wareega qaalii lubbuu itti baasanii jiru, isaan keessaa warra dhimma kanaaf mana hidhaatti gidirfamaa fi rasaasaan rukutamanii ajjeefaman lama otoo wal hin yaadachiisiin hin dabarru, Alamayyoo Garbaa fi Gaaddisaa Hirphasaa!
Dhimma kana waliin wal qabatee barattooti Oromoo hedduu barnoota irraa arihamaniru, maanguddoon keenyi biyya isaani irraatti kabajaa dhabanii ulee fi kophee polisiin reebamuu fi dhiitamuun salphisamaniiru, Oromoon hedduu lubbuu isaa qaaliis itti wareeganii jiru. Gootonni sabbontonni Oromoo hoogganoota waldaa maccaa fi tuulama dabalatee barattooti Oromoo yuniversity finfinnee itti hidhamaniiru.
Haqi hin qalla`atti malee hin cittuf filannoo camsaa 2005 irraa kaasanii ammoo akeeka wayyanoonni fedhii isaanii kan dantaa dinagdee fi aangoo siyaasaa biyyittii keessaa qaban tikfachuuf qofa akka waajironni Oromiyaa gara adaamaatti naannahan irratti murtaahee wareegamni qaqqaalii itti bahe kana sababeeffachuun akka gara Finfinneetti deebihan afaan kana dura ittiin ajajeen ummata Oromoo ittiin ficcisiisanii fi gidirsaniin sossobuuf tattaafatame. Ta`us seeraan mirkanaahee Oromiyaan dantaa finfinnee irraa argattu argachaa hin jirtu. Finfinneen akkuma Iyarusalem ta'uuf deemti, Oromoo bahaa fi dhiyaa gargar baasuuf waan hin dhama'amne hin jiru, Oromoo Finfinnee keessaa qulqullessuuf hojiin diinni hin dalagne hin turre.
Haala kana yaadachuuf wayyanonni Oromoo biyya isaa keessaa baasuun daangaa keessatti basha`an tolfachuuf tattaafachuun mirga Oromoo dhiibuu, abbaa biyyummaa isaas haaluu irratti hojjetaa turan.
Kanaaf adoolessi 13, 2001 Guyyaa finfinnee ta`ee murtaahuun akka yaadatamu baruma 2001 keessatti labsamuun ni yaadatama. Bara sanaa kaasee Oromoon dhimma kana quba qabu guyyaa kana gaddaan yaadachaa turuun beekama. Ammas guyyaa murtii dabaa Oromoo biyya isaa keessaa baasuuf murtaahe kana Oromoon bara baraan gochaa hammeenya diinnaan irratti raawwateetti yaadatun mirga finfinnee irratti qabu akka deebifatu wa yaadachiisa. Ammas murtii yeroo sanaa jajjabeessuun akka bara baraan yaadatamu raggasifame. Murtiin diinotaan dabaan ummati Oromoo irratti darbee kana Oromoon gaddaan yaadate oola, Oromoon dhimma kana irratti gadduu qofaa osoo hin taane mirga abbaa biyyummaa isaa kabachiisuuf wal gurmeessuun sochii isaa isa fuula duraaf of qophessuu qaba.
Akeeka Guyyaa Finfinnee
- Oromoon abbaa biyyaa ta`uu wal yaadachiisu, Fifinneen handhuura Oromiyaa ta`uu wal hubachiisuun dantaa Oromoon irraa argachuu qabuuf bifa kamiinu akka argatu falmaa gochuu itti fufuu, dantaan argatuu qabus akka seeraan mirkanaahuu gaafachuun raggaasisu,
- Wareegama dhimma Finfinnee fi Abbaa biyyummaa Oromoo kabachiisuuf godhame keessatti bahe wal yaadachisuun wareegmaa kana firii itti gochuuf wal ijaaruun wal jabeessuuf,
- Gootota Oromoo dhimma finfinnee fi dhimma Oromoo irratti wareegama qaamaa, qalbii fi lubbuu isaanii dabarsanii kennan yaadachuuf, hidhamtoota Oromoo dhimma kanaa fi gaaffii abbaa biyyummaa Oromoof jedhanii gidiraa argaa jiran yaadachuun, yaada jaallan mana hidhaa jiran kana galmaan gahuuf dhalooti dhufu irratti hojjetu barsiisuuf,
Raawwii Isaa
- Dhimma finfinnee fi dhimma abbaa biyyummaa Oromoo wal barsiisu,
- Haala ittiin Oromoon biyya isaa dhuunfachuu dandahu irratti marihachuu, yaada walii kennuu, wal gurmeessuu, wal gootomsuu, wal jabeessu irratti wal gorfachuu fi wal bilcheessuu.
- Guyyaa Adoolessa 13 bara 2006 guyyaa guutuu Oromoon bakka jirutti dhimma kana irratti wal marihachaa fi wal yaadachiisaa akkaataa of jabeessuu irratti marihachuun ejjennoo isaa ummata Oromoof karaa SBO fi VOA dabarfachuu.
- Jiraattooti magaalaa fi baadiyyaa dhimma kana dursanii facaasuun namuu qalbiin guyyaa sana dhimma finfinnee yaadachaa fi wal barsiisaa oolu irratti hojjechuu,
- Faaruu Finfinnee faarfachuu da´immanii fi shamarran faaruu kana barsiifachun fi akka faarfatan gochuun akka dhimmi finfinnee qaama gaaffii Oromoo walii galaa waliin wal qabatu wal hubachiisuu,
Seenaa Finfinnee keessaa waan muraasa Oromoon wal barsiisu qabu.
Abbaa biyyummaa Oromoo hubachuuf Finfineen kan Oromoo ta´uun isaa shakkiin hin jiru, kana seeraa fi seenaan hardhallee borullee itti gaafannu ta´a. Kanaaf kana duuba Oromoon bakkoota kana qayyabatee itti dhimma bahu koreen ni labsiti.
Cabiinsa Halagaa Dura Ilmaan Oromootu Finfinnee Bulchaa Turan Madda Seenaa Irraa
- Caffeen Tuulamaa kan bulaa turte gooticha Oromoo Tufaa Munaan ta`uu
- Birbirsa fi Manni Gullallee kan bulchaa ture Qajeelaa Dooyyo
- Teechoo kan bulchaa ture Guddataa Araddoo
- Boolee Kan bulchaa ture Shubu Ejersaa
- Boolee Bulbulaa kan bulchaa ture Soraa Lomee
- Kolfee kan bulchaa ture Axale Jatanii
- Qaraniyoo/Dalattii kan bulchaa ture Jamo Dabalee
- Jarsaye kan bulchaa ture Galatee Ashate
- Yakkaa kan bulchaa ture Abeebee Tufa
Karra Shanan Finfinnee
- Karra Qirxi – karra gara kaaba geessu
- Karra Qoree – karaa Jimmatti geessu
- Karra Allo- Karaa Walloo/Daseetti nama geessu
- Karra Qaallu/Qaallitti- karaa Bsiooftuutti nama geessu
- Karra Gafarsaa- Gara dhiyaatti nu geessu
Bulchiinsta duraanii keessatti akkaataa onoonni wal qoodan akka armaan gadiiti.
a. Ona Caffee Tumaa
- Finfinnee – Hora saawwan gullallee fi galaan araabaa turan amma bakka Filwuha jedhamu ssana.
- Hurufa Boombii- Bakka maqaan ammaa jaanmedsaa, Embasii Egypt , Hospitaala minilik, bakka qubtuma waraanaa isaanii godhatan dha.
- Dirree Caffee Araaraa- Bakka amma Yuniversity kilo jaha/sidist kilo/, Hospitaala Yakkaatiti 12 jedhamu dabalatee fi naannoo isaa jiru dha.
- Dhummuggaa – bakka amma Ginfillee jedhamu irra ture.
- Keelloo Masqalaa- Bakka amma kilo yuniversity kiiloo Afur jiruu, parlaamaa, Bataskaana qiddist Maramii, fi qiddist Sillasee, bakka amma baasha waldeechilot jedhamu, fi bakka amma xiyyit beet jedhamu.
- Tulluu Heexoo Diimtuu – bakka amma masaraan mootummoota habashaa jiru, taboti gabrelii jiruu, buufata polisaa 6eessa fi bakka baahitaa jidhamu.
- Dhaka Araara – Bakka amma fit berr, bakka police garaj jedhamu, bakka amma hooteelli sharaatan jiru, bakka etege mask jedhamu, fi bakka amma hoteelli hilton jiru.
- Qarsaa- kun ammoo bakka amma kasanchis jedhamu irraa kaasee haga xizzit bet jedhamutti ammata
- Awwaaroo- bakkuma amma awwaaroo jedhamu dha
- Hulluuqo kormaa- bakka amma bataskaanni esxifanos jedhamu jiru, bakka amma masqal addababay jedhamu, fi bakka amma raas birru safar jedhamu ammata.
- Hora finfinnee- bakka amma filwuha jedhamee beekamu, bakka mana masaraa mootummaa isa lammaffaa fi awwaaree dabalata.
- Dolloo Biddeena – bakka amma baqlo beet,gotaraa fi walloo safar jedhamu
- Dabaso – bakka amma lagahar mashulakiyaa jedhamu.
- Haada Amma – bakka amma teelee Garaje, bataskaana carqos jedhamu jiru kana turan.
b. Ona birbirsa yaa´i goroo
- Waddeessa – bakka amma pizassaa, charchar godanaa, fi araadaa giyorgis jedhamu kana
- Maarama Birbirsa – bakka amma bataskaanni gorgis jiru
c. Ona qarsaa
- Hurufa Raaree – bakka amma buufati konkolaataa dhaabbatu, bakka amma raas ganamee safar jedhamu fi addisuu mikaêl dabalatu dha.
- Sokorru – Bakka amma hospitaala Amanu´el jiru, bakka amma dhaabbii midhanii(ehil baranda), masalamizaa, fi kuas meedaa jedhamu ammata.
- Sulula garbii – Bakka amma taklahymanot fi cid tara jedhamee beekamu ture,
- Garbi – bakka amma sangaa tara fi ambaxxa makkalakayaa jiru sana dha,
- Qarsaa – bakka amma markaatoo jedhamu, amerikaan gibbii, fi masgiida Anuwaar isa gudda fi naannoo isaa dabalata.
- Baro Kormaa – bakka amma gollaa mika´el, ras tasamma safar, hospitaala xiqur ambassaa, fi bakka waajirrii dhimma daangaa cehuu (imegrashin) jedhamu ammata.
- Dache Golbaa – bakka amma addis katamaa jedhamu kana
d. Ona gullallee ykn mana Gullallee
- Adaamii- bakka amma bataskaanni rufaa´el jedhamu jiru, sameen mazagajaa, fi sameen total jedhamn fi naannoo ishee ammata
- Didiimtu – bakka amma shogolee jedhamee beekamu ammata.
- Qaallee – Bakka amma askoo jedhamu
- Fiichee – Bakka amma dahannoo xaliyaani ykn xaliyaan mishig jedhamu.
- Kattaa – ammas kattaa jedhaama
- Burayyuu – Bakka amma burrayyuu, fi gafarsaa jiru dha,
- Harbuu Irreechaa – bakka amma raas hayiluu safar jedhamu
e. Ona Abbichu
- Burqaa Ejeree – Bakka amma enxooxxoo kidana mirat jedhamu, fi bakka amma Imbasiin faransaay irra qubatee fi naannoo isaa.
- Baddaa Ejersaa – Bakka amma Iyyasuus ras kaasaa safar jedhamu
- Huruma – Bakka amma Imbaasiin Faransaz, Xalizaani fi bataskaanni Aabboo jedhamu jiru ammata
f. Ona xiixaa (enxooxxoo)
- Haxxee laalii – bakka amma shiroo meedaa fi enxooxxoo maramiin jiran fi naannoo isaa ammata
- Muujjaa – bakka amma shiroo meedaa jiru keessatu itti waamama.
- Waayyuu – bakka amma qacanee madanalam jedhamu ture
- Karaa Qorxii – bakka amma balay yallaqaa mangad jedhamuu fi samen bar jedhamu ammata.
g. Ona ekkaa.
- Burqaa Qorichaa – Bakka amma yakkaa mika´el xabal, laga qabbana, fi lga daadhii jiran dabalata
- Karaa alloo riqicha – Bakka amma Imbasiin engiliz, Imbasiin Jarmany, fi Imbasiin Raashaa jiran dabalata.
- Harbuu – bakka amma gurd shoolaa jedhamu dha
- Kotabee – Ammas kotabee jedhama
- Doqaa Booraa – Bakka amma haya hulat mazoriyaa jedhamu dabalata
h. Ona Boolee
- Garjii – Ammas garjii dhumaan beekama
- Bulbulaa – Ammas Bulbulaa dhan beekama
- Warra ganuu – Ammas warra ganuun beekama
i. Ona Teechoo
- Golboo – bakka amma Marqos, warshaa qadaaddi (qorkii), qaallitti, qeeraa, gofaa jedhaman ammata.
- Lumee – bakka amma bataskaana yooseef jiru kana dabalata
- Laaftoo Tumtuu – bakka amma bunnaa bord jedhamu ammata
- Jaajaa – bakka amma biheere tsigee jedhamu ammata
- Tulluu ejersaa – bakka amma hannaa marizaam jedhamu ammata
- Tulluu dheertuu – bakka amma gofaa beetamangist jedhamu ammata
- Baaboo – bakka amma addisuu qeeraa jedhamu dabalata
- Sammuu Gullallee – bakka amma meettaa darichaa jedhamu ammata
j. Ona Caffee Annanii
- Caffee muudaa – Bakka amma manni murtii ol aanaa jiru (lidataa) ammata
- Harbuu – Bakka amma meksikoo, mana barnoota tagbaara id jiru, mana adabaa finfinnee, bakka saar bet jedhamu, bakka geejjaa safar jedhamu, mana barnootaa dajjaa baalchaa, bakka oomisha dhugaatii wazin xajji, bakka oomisha kokaa kollaa dabalata,
- Harawaa – bakka amma oomishini haadaa jiru ( qaacaa fabrika) jedhamu dabalata.
k. Ona Jaarsayu
- calcali – bakka amma sar bet jedhamu dabalata
- Mardee – bakka amma arogee awropilan marefiza, midir xor, ganda tolasaa, fi raphii jedhaman ammata
- Bakkanniisa – bakka amma makkaanisaa jedhamee waamamu dha.
l. Ona Kolfee
- Daalattii – bakka amma qaraniyoo jedhamee waamamu,
- Labu – bakka amma siga meeda, taxaq xor safar jedhamu ammata
- Xaro – bakka amma axanaa taraa fi faxino darash jedhamu ammata.
Faaruu(sirba) Finfinnee
Finfinnee! Finfinnee!
Handhuura Oromiyaa
Biyya abbaa kiyyaa
Si utubaan biyyaa
Finfinneen keenyumma kan Oromooti
Halagaan nu wajjin mirga hin qabdu itti
Biyyi keenyi keenya eenyuuf gad lakkisna
Irratti wareegamne seenaa galmeeffanna.
Nu Oromoo malee abban biyyaa hin jiru
Biyya abbaa gadaa kanbeekne haa baru.
Haawwannisaa fi yeeyyi sirratti qubsiisani
Maqaa kee haqanii ababaa jedhani
Oromoo dhiibanii,
Moggatti baasani
Abbooma mulqanii
Jiruunis dhaalani
Nu Oromoo malee abban biyyaa hin jiru
Biyya abbaa gadaa kanbeekne haa baru.
Guddaafaa fi gufuun sirraa haxaawamtee
Qilleensa walaba kan duree goonfatte
Sirna abbaa gadaa keetiin of bulchitee
Ni waarta finfinnee yoomiyyuu jiraatte,
Nu Oromoo malee abbaan biyyaa hin jiru,
Biyya abbaa gadaa kan bariin haa baru.
Finfinneen keenyuma kan Oromooti
Halagaan nu wajjiin miga hinqabu itti
Biyyi teenya keenya eenyuuf gad lakkisana
Irratti wareegamne seenaa galmeeffanna
Nu Oromoo malee abbaan biyyaa hin jiru,
Biyya abbaa gadaa kan biraan haa baru.
Biyya abbaan gadaa finfinnee dha duru!
No comments:
Post a Comment