Saturday, July 07, 2007

Malaniyemii Habashaa!

Akka amala isaanii, ilmaan hundeen ormaa

bifaan nu fakkaatanis jarri bar jaruma

Barrii dheeraan darbbee, senaan bacancarus

Habashan lama ta’e bifasaa geedarus

waanum fe’e ta’us Calanqoo hirraanffanna

Harmma muraa Anoleef Mormma akakile kenya

isa isaan Gorra’an, isan dhiga jigassan

sirnna abootii kenya, isa isaan hambisan

Q’ee ayyoo Robee isa isaan onssan

sana hirranfannee, Malaniyem jennaa

yadannoo mo’amuu jara waliin kabajnna?

Jarro soba beekuu,qabuuf Abshaalummaa

Malaniyem jedhu yadannoo Harmmaa Muraa

Afaaniin nu kabaa, dabalachuuf jarraa

Gamnnummaan nu cubbsanii

maqaa tokkumatiin dhiga nu obasaanii

Bicuu ilmoo gabroomsaan ennaa wal arganii,

qasa’aniit kolfuu ilkaan gad yaasaanii

“bay’atdhaaf bookeen yoomuu Gaanii hin-saaqxu

kunoo isin yabbannee-kaa essa kessan dhaqxxu”?

Jedhanii dhadhachaa, jarrii nut qosaanii

akka abotii isaanii humnnaan nu bulchanii

Beelaan agabsani, lolaan daareessani

Hiyyuummaan qolanii, liqqii nutti goobsani

Namummaa baasani, qalbii hiyyomsani

Mataa gad cabsani, keessa-nu gubani

Nafa takaalani, qullaatti hambiisani

Safuu nu mulcanii, salphiinaan gonfani

kunoo bara Wayannee Mormma nu cirani

Aadaa abootii isaanii harma muruu dhiisaanii

saalffii tokko malee, gocha ofiin bonanii

Harmmaa muraa Anolee ulfessa jedhanii

afaan Faranjiitinn Malanyem jedhani...

Maqaaa itti basani!

Yadannoo waggaa dhibbaa ajechaa Oromoo

gocha dula isaanii, yadannoo waggaa dhibbaa

Malasavich ka’ee Finfinnetti lalaba

kunuu rajii dha kaa, dhiiroo aja’iba

Reenffa ilmaan Oromoo, seenaan awwaalani

Abbaa Irrimmaa ofii OPDOttii hidhanii

Senaa warra Habashaa dugddatti bachisanii

ennaa biyya dhufan, gotonni Oromoo, silaa maal jedhanii?

Abisheen Garbaa faa, Jarraan abba Gadaa esuma dhaqanii?

Silaa akkum jedhan, nutu Bookee ta’ee

Gabrumattii cichee, cimee-tti rar’ee

Moo... gowwa ija hin qabnnee, tanee?.nu.. ilmmi Oromoo

bar-dheggadda boonyee,... sirbuun barana -ammo -

sirbba giddii “Globalization” kijiba warra gamoo

iskisttaa Habashaa harayaa sirbinaa har’ammoo?

Malaniyem! Jennee Sirbba Tirggee hurgufnnee

Lafee akko-f akaakaa gad dhiitnnee tuffanne

Gowwuma jennu moo? Jennu ni qaroomnne!

Lafee abba kenyaa dhiituu? hagam yoo qaroman

attamiin kun ta’aa? Hagam Fala beekan

takka gowwomuu malee, lama hin gowwoman!

Waggaa dhibba jechaa, Malaniyemii Habashaa,

Afaan faranjii ta’uus summiidha kesisaa

Yadannoo Harmma muraa sirbbuu barbaachisaa?

Yoo akkas ta’emmoo nagaatti dhuma dubbi

jedhii ofirraa galii, ta’ii ofitti gaddi

baradhutii ta’ii akka sigabaa galtee,

dina kee walin utaalttee gafa Malaniyem sirbite

Senaa abbaa kenya kan qoonqoon geedartte

dhalachuun kee hafee, otu garaatti haftte

Hundaafuu, mee jedhii “Gararrarummaan” akkasii

sirrattii haa raawwatu,

Dhallonni bor dhufu - senaan ha dhaadatu.

Mee atis itti yadii....

Maaliif boquu cabnnee, gadadoon jiranna

Senaa kijiba Habashattii maaf itti rakkanna?

Hardhum ha awwaallu,Malaniyemii hin jennuu

Soba Wayyanotaa , garagalle-n laallu!.

Barri isaa barana bara “Malaniyemii isaaniii ”, kokkee siliqsani

Soba jara kana, kan saxila baasani

dhigaa fii soba sanii kessa ginjilchanii

lubbuun awwaaludha, nuyi ijoollee oromoo walitti waamani

mee koottaa akkasi gona dhiiroo maal yaaddani?

Silaa otoo akka koo,

kan fedhu garaan koo

Boo’lla awwaalaa qoote

Soba Waayanotaa

Bo’ldhattan gad gata

dhugaa maal abbashii

Caqaacaqoo warra ... Globalization fii Malamiyemii shii

Akka lamuu hin kaane,

ekeraan’shii tullee akka natti hin-bonye!

Rundaasaa Asheetee Hundee..tiin
opsa@erda.net

No comments: