Monday, September 01, 2008

Hooganoota Shanee garee Jijjiiramaa


Koreen Yeroo ABO hooggana isii labsite

Wolgahiin ummataa guddaan tokko Kanaadaa keessatti ta'ee jira. Wolgahii kana irratti argamanii adeemsa sochii jijjiirraa fi haaromsa ABO irratti ibsa kan kennan Obbo Leencoo Baatii ti. Obbo Leencoon gaaffii "hoogganni keessan eenyu faadha?" jetuuf yeroo deebisan waan jedhan irraa akka hubannetti ABO Koree Huji-Raawwachiiftuu (KHR) namoota 19 armaa gaditti maqaa dhahameen hoogganamaa jira.

1) BJ/Kamaal Galchuu, Dura Deemaa
2) J/Licho Bukhuuraa, Itti-Aanaa Dura Deemaa
3) J/Diimaa Nogo, Gorsaa Ol'aanaa
4) BJ/Hailu Gonfaa, Gaafatamaa Waraanaa
5) J/Yonatan Dhiphisaa, Gaafatamaa Jaarmayaa
6) J/Ibraahim Muummee
7) J/Qananiisaa Waabee
8) J/Kol/Abbabaa Garasuu
9) J/Kotombol Galgalo
10) J/Abdataa Hayyuu
11) J/Hasan Huseen
12) J/Garasuu Tufaa
13) J/Leencoo Baatii
14) Ajaja Zoonii Baha Oromiyaa
15) Ajaja Zoonii Dhiha Oromiyaa
16) Ajaja Zoonii Kibba Oromiyaa
17) Ajaja Zoonii Kibba Bahaa Oromiyaa
18) Ajaja Zoonii Kaaba Baha Oromiyaa
19) Ajaja Zoonii Giddu-galeessa Oromiyaa.

Haasaha J/Leencoon kennan irraa akka hubatametti gaafatamni KHR Gumii Warraaqaa (Council for National Renewal) kan miseensota 75 of keessaa qabuuf ta'a. Gumiin Warraaqaa miseensota GS amma jiran, bu'ureessitoota ABO, bakka bu'oota miseensota biyya keessaa fi alaa, kanneen dandeettii hoogganummaa fi jaarmayaa akkasumas waraanummaa addaa qaban kan ammatu. Akka ibsi kun addeessetti Gumiin Warraaqaa qabsaa'ota Oromoo naannoo Oromiyaa hunda irraa kan qooda fudhachiisuu fi hirmaannaa miseensotaa bal'aa kan qabu dha. Tarrisa kana irraa kan ifatti hubatuu dandeenyu yoo jiraate miseensota KHR keessaa harki caalaan miseensota WBO fi dargaggoota dhaloota haaraya tahu.
Source www.bilisummaa.com

No comments: