Tuesday, October 28, 2008

Bilisummaa Oromiyaa osoo hin taane, Itiyoopiyaa DimookiraasittIn amanaa jedha Leencoo Lataa


Tuesday, 10.28.2008, 12:18am

Jaal leencoo lataa yeroo dheeraaf nama qabsoo bilisummaa Oromoo keessa tureefi, akkasumas nama itti aanaa hayyu duree ABO tahee hojjetaa tureedha. Haa tahuu malee ummanni Oromoo garri caalaan J/Leencoo Lata nama mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti dhokatee yaada adda kan amma ifatti baase labse kana qabatee dhooksaan akka qabsoon bilisummaa ummata Oromoo hindhannoon hin jjabaanneef fadhiidooyytu warra irratti dalagaa ture keessa hangafa jedhamee dubbata. Kana malees jaalli kun bara chartaraa WBO hiikkachiisuun mooraa wayyaaneetti galchee akka horiitti akka qalaman kan taasise keessaa nama tokko jedhamee dubbatama. Yeroo ilmaan Oromoo kumaatamaan mana hidhaa wayyaanee keessaa affeelamaaa turan, Waahilli Mallasaa kan Ture leencoo Lataa miseensaa ABO fi ministara barnoota kan turan J/ Ibsaa Guutamaa mana hidhaa wayyanee keesaa baasuun isaas ummta oromoo naasisuu daran jawwichi kun haariiroo cimtuu isaa fi wayyanee gidduu jirtu nama ofitti ragaa bahee tureedha. ..Gaafiif deebisaa raadiyoo amarsaa "Ginboot 7" waliin taasise kunooti...as tuqi dhageefadhu

No comments: