Sunday, May 02, 2010

Gadaa.com Gadaa.com Gadaa.com Gadaa.com Qabsoo Bilisummaa Oromoo Keessatti, Qabsoon Hidhannoo Hammam Abdachiisaa Dha?

Abdii Boruutiin*

Seenaa biyyoota gara garaa kan gabrummaa jala turani fi bilisummaa argatan yoo ilaalle, qabsoo bilisummaa isaanii keessatti qabsoon hidhannoo bakka guddaa akka qabaate arguu dandeenya. Kun gabaabumatti wareegamaan malee bilisummaan uummata ykn saba tokkoo kadhaa dhaan akka hin argamne agarsiisa. Kan humnaan bilisummaa namarraa fudhate, humnumaan injifatama malee, yoo humni duuba hin jiraanne karaa nagaatiin diploomasii dhaan diina wajjin waliigalanii bilisummaa deebisanii argachuun waan hin danda’amnee dha. Karaa kanaan kan danda’amu illee yoo ta’e, biyyoota diingadee fi teeknoolojii dhaan guddatan, biyyoota diimookraasiin keessa jiru keessati malee keessumaayuu biyyoota akka Afrikaa keessatti waan danda’amu natti hin fakkaatu.

Seenaa saba Oromoos yoo ilaalle, erga gabrummaa Habashaa jalatti kufee kaasee uummanni keenya bilisummaa fi abbaabiyummaa dhabe deebisee argachuu dhaaf xinnaatus baay’atus qabsoo hidhannoo otuu hin godhin hafee hin beeku. Bu’aaleen har’a argaman illee kan qabsoo hidhannoorraa maddanii dha. ABOn illee otuu qabsoo hidhannoo cimsuu baatee, jijjiiramni bara 1991 argame hin danda’amu ture. Kanaaf, qabsoo bilisummaa keessatti karaa hidhannootiin qabsoo jabeessuun murteessaa dha. Diina keenyas kan sodaachifnu fi injifannoos irratti agarsiisuu dandeenyu, kan waabii ta’u, qabsoo hidhannootiin qofaa dha. Diinni keenyas waan kana beekuuf, jaarmayoota bilisa baasota keenyarratti keessumaayuu ABOrratti xiyyeeffata. Kana illee sababa godhee namoota nagaa, hidhaa, dararaa, ajjeesaa, biyyarraa baqachiisaa fi balleessa ragaa amansiisaa hin qabneen hidhaa bara dheeraa fi du’a irratti murteessaa jira.

Dhaaba siyaasaa ykn jaarmayaas yoo ta’e, jaarmayaa bilisa baasaan qabsoo hidhannoo hin qabne ykn hin gaggeessine jabeenya qabaachuu hin danda’u. Kan isa jabeessus ta’ee kan isa laaffisu, kan inni ittiin madaalamu akkaataa qabsoo hidhannoo inni ittiin gaggeessuu dha jechuu ni danda’ama. Yoon akkana jedhu maal jechuu kooti? Jaarmayaan bilisa baasaan tokko qabsoo hidhannoo cimaa kan gaggeessu fi humna waraana bilisa baasaa cimaa kan qabu yoo ta’e, jabeenyi isaas akkasuma mul’achuu danda’a. Qabsoon hidhannoo inni gaggeessu laafaa yoo ta’e fi humna waraanaa cimaa yoo hin qabaanne, humni jaarmayaa akkanaa akkasuma waan laafuuf, uummata illee of duuba hiriirsuun ulfaataa ta’uu danda’a. Yoo kun hin taane ammoo injifannoo agarsiisuun hin danda’amu; bilisummaanis achi fagaachaa deema jechuu dha....guutuu isaa dubbisuuf

Gadaa.com

No comments: