Sunday, May 02, 2010

Kaayyoon Oromoo Bilisummaa fi Abbaabiyyummaa Dhabe Deebisee Argachuuf Malee, kan Argate Sanaa Deebisee Dhabuu Miti

Abdii Boruutiin*

Oromoorraa dhaladheef otuu hin taaane, wanti dhugaa ta’e fi ibsuu barbaadu, uummanni keenya (Oromoon) dhalootaan ykn uumaa dhaan daba waan beeku natti hin fakkaatu. Ormaa laachuu fi obaasuu; dhimma ofii dura dhimma ormaatiif dursa kennuu; waayee ofii caalaa waayee ormaatiif of miidhuu; daangaa ofiitiif caalaa daangaa ormaatiif wareegamuu; dhimma ormaatiif lubbuu ofii dhabuu fi kkf. amaloota Oromoo waan ta’aniif, waayee kanatti fayyadamanii, uummata keenya gowwoomsanii, addaan hiranii nu bitaa turan, amma illee itti jiru, borus yoo carraa argatan akkasumatti itti fufuu barbaadu. Kanaaf, diinni keenya Afaan isaaniitiin jecha “yawwaah” jedhu illee nuuf moggaasu.

Gabrummaa bar-dhibbee tokko fi wal’akkaa dhaa ol keessa jirru kana keessatti wanti uummanni keenya gabroonfataa irraa barate yoo jiraate, daba, wal tuffachuu, wal inaafuu, of guddisuu fi of tuuluu, anatu caalaa beeka jechuu, of jajuu fi kkf dha. Isaan kanatu aadaa keenyarratti dhiibbaa godhaa ture, amma illee itti jiru. Isaan kanatu amala keenya jijjiire. Amalli akkanaa ammoo qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti gufuu tokko ta’ee argama.

Biyyi keenya Oromiyaan akka teessuma isaatti (geographically) handhuura impaayaricha kanaa ti. Saboota fi biyyoota baay’ee dhaan marfamee jira. Kuni ammoo bittaa ykn gabrummaa Habashaa wajjin waa baay’ee nutti fide. Fakkeenya tokko tokko kaasuu dhaaf, sababa kanaan Oromoon saboota biroo wajjin fuudhaa fi heerumsaan akkasumas amantii dhaan walitti makamuu danda’e. Isaan kun ammoo sababoota qabsoo bilisummaa keenyaatti gufuu ta’an keessaa isaan gurguddoo dha. Akkamitti gufuu ta’uu danda’u? Oromoonni tokko tokko kan abbaan ykn haati isaanii saba (uummata) biroo ta’an, dhaloonni isaanii wal’akkaa (half) waan ta’uuf, Oromummaa dhaan boonuurra Itiyoophiyummaa filatu. Dhaloota wal’akkaa yoon jedhu abba fi haati isaanii waan gara gara ta’aniif jechuu kooti.

Karaa biraatiin ammoo amantiin, saba Oromoo keessatti, gahee guddaa taphachaa ture ammas jira. Akkuman kanaan duras barruu kiyya tokko keessatti ibsuu yaale, fakkeenyaaf, amantiin ortodooksii kristaanaa kan gabrummaa Habashaa wajjin dhufe fi kana keessatti illee gahee guddaa taphachaa ture fi jiru, aadaa keenyarratti dhiibbaa guddaa waan godhaa tureef, Oromoonni tokko tokko akka eenyummaa ofii dagatan taasise. Sababa kanaan kan ka’e, isaanis sabboonummaa fi Oromummaa dhaan boonuu dhiisanii itiyoophiyummaatti amanu. Kanaaf egaa, sababoonni gara garaa kun QBO keessatti gufuu ta’uu danda’u ykn ta’an kanan jedheef....guutuu isaa dubbisuuf

Gadaa.com

No comments: