
Daily Nation
By Abdulkadir Khalif Nation Correspondent A large number of Ethiopian troops in military vehicles on Sunday reached Somali villages after crossing its ...read more
Notice: Tell us how Eebbisaa Addunyaa and Usmayyoo Musa inspire you as an Oromo - you can submit your stories as videos
(YouTube, etc), poems, articles, audio, etc. Throughout this week, we'll feature submitted works.
Message from the Australian-Oromo Community: | Poem: Remembering Eebbisaa Addunyaa | Walaloo Hundasa Lammessa: Yaadannoo Eebbisaa Addunyaaf |
J. Galaasaa Dilboo, J. Ibsaa Guutamaa fi J. Zalaalam Nagaasaa
Ibsa J. Galaasaa Dilboo:
(Hagayya 14, 2010, Washington DC) – ABOn Hagayya 14, 2010 hawaasa Oromoo Washington DC qubateef ibsa kenne. Walgahii “Haala QBO harr’a keessa jiru, tarkaanffii itti aanu fi qooda sabboontoota fi Haawaasa Oromoo” ibsuu irratti xiyyeeffate kana irratti bakka bu’oonni ABO wal duraa dubaan ilaalcha dhaaba saanii gad-fageenyaan ibsan.
Jaal. Galaasaa Dilboo, HD ABO durii fi miseensa Koree Hojii Geggeessitu (KHG) ABO, karaa telefoonaa yeroo dubbatan Jaallan Ibsaa Guutamaa fi Zalaalam Nagaasaa qaamaan irratti argamuun haasaa godhan.
Ibsa saanii keessati, Jaal. Ibsaan haala amma hawaasin Oromoo fi qabsoon isaa keessa jiru erga xiinxalanii booda rakkooleee addaddaa ummaticha fi qabsichatti gufuu ta’an xuxxuqan. Akkasumas, rakkoolee kana furuuf furmaata tokko tokko, kaneen ammatti ABOn irratti hojjetaa jiru fi kan fuula duratti akeeku addadaa ibsan.
Oromo National Identity
Before answering whether Oromo people can be Ethiopian it is necessary to examine the difference between being Oromo and being Ethiopian in the first instance. Oromo national identity refers to the identity of the Oromo people, the representation of their country Oromia as a whole, encompassing its culture, traditions, language, and politics contrary to the Ethiopian discourse that tends to present Oromo national identity as part of the multiple identities that the Oromo people enjoy with the greater Ethiopian identity.
The Ethiopian identity on the other hand means different things depending on if you are Abyssinian or not. For an Abyssinian the term Ethiopian means the same. For the rest, however, Ethiopian is filled with ambiguity and dissonance. This confusion emanates not only from difference in cultural and ethnic identity, but also from politics. The political history of Ethiopia for the non-Abyssinians is nothing but exploitation, subjugation and cultural genocide. The current Ethiopian regime has raised the stake further from cultural genocide to real genocide that one Oromo social scientist dubbed it as ‘the final solution’. read more
Abdii Boruutiin*
Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatti, tokkummaa diduun humna diiguu dha; tumsa diduun ammoo humna laaffisuu dha. Yoon akkana jedhu maal jechuu kooti? Gabaabumatti, yoo tokkummaa hin qabaanne, humna horachuu hin dandeenyu; kan duraan qabnu illee gara gara faca’ee badaa deema. Yoo tumsa hin qabaanne, humna cimaa diina injifachuu danda’u uumuu ykn horachuu hin dandeenyu; diinnis nurratti cimaa deemee, umrii bittaa gabrummaa dheereffata jechuu dha. Egaa, tokkummaa fi tumsi, tokko kan biraatiif bu’ura ta’ee, akka damee muka tokkoo babal’achaa akka deemu hubadhaa! Tokkummaan yoo jiraate, innis guddatee tumsa ta’a; tumsis babal’achaa deemee, tumsa guddaa hunda hammataa tokko dhalcha ykn fida. Yoo tokkummaan hin jiraane ykn hin uumamne, tumsi uumamuu hin danda’u; tumsa biraa hunda hammataa fiduun sirumaa waan hin danda’amne ta’a jechuu dha.
Waayee ijaarsa tumsa hunda hammataa (All-Inclusive Alliance) ilaalchisee amma illee marii oo’aan deemaa jira. Amma illee namoota gara garaa irraa yaadni adda addaa dhiyaachaa jira. Akkan yaadolee (comments) gara garaa irraa hubadhetti, yaadni namoota irraa dhiyaate waan bifa sadi qabu natti fakkaata; akka waan tokko tokko ibsuu dhaaf natti tolu garee saditti hiree ilaaluun yaala.
Garee tokkoffaa: Isaan kun namoota tumsa hunda hammataa hin barbaadne yoo ta’an, sababni isaan dhiyeessan, kanaan duras tumsi gara garaa yaalamee, garuu qabsoo bilisummaa Oromootiif (QBOtiif) bu’aa tokko illee otuu hin fidin waan hafeef, ammas tumsa biraa ijaaruun waan Oromoo dhaaf bu’aa fidu miti jedhanii warra ijaarsa tumsa akkanaatiin mormanii dha.
Garee lammaffaa: Isaan kun ammoo tumsa hunda hammataa ijaaruun barbaachisaa dha, garuu dura tokkummaan ykn tumsi mooraa QBO keessatti ijaaramuu qaba warra jedhanii dha ykn yaada jedhu dha. Ani illee yaadni kiyya garee kana keessa gala. Maaliifa akka ta’e barruu kiyya kan kana duraa keessatti ibsuu yaaleen ture; ammas irra deebi’ee kanaa gaditti waan tokko tokko kaasuu ykn ibsuun yaala.
Garee sadaffaa: Namonni tokko tokko ammoo dafanii Wayyaanee kuffisuu dhaaf tumsa hunda hammataa ijaaruun amma barbaachisaa waan ta’eef, kanaaf yeroon kennamuu hin qabu; hamma tokkummaan ykn tumsi mooraa QBO keessatti ijaaramutti yeroo dheeraa fudhachuu yookaanis ammoo sirumaayuu otuu hin milkoofne illee hafuu waan danda’uuf, kana eeguun yeroo fixuu dha warra jedhanii yaadan fakkaatu.
Haala yeroo ammaa mooraa QBO keessatti mul’atu yoo ilaalle fi hubanne, dhugaa dubbachuu dhaaf waa hunda gaafii keessa galchaa jira; abdii illee waan hir’isaa deeme fakkaata. Araarri fi tokkummaan qabsaa’ota fi jaarmayootaa keessumaayuu yaaliin deebisanii tokkoomsuu Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) waan milkaawu fi xumuramu hin fakkaatu. Otuu waayeen kun hawwii fi abdii guddaa dhaan eegamaa jiruu, jidduu dhaan wanti gaddisiisaan tokko tokko dhaga’ama. Kan kanarraa ka’e tokkummaa fi tumsa mooraa QBO gaafii keessa galche ykn galcha. Taa’anii wal ilaaluurra ykn waliin mormaa yeroo fixuurra xinnaatu illee waan tokko godhuu wayya yaada jedhutti nama geessa. Kanaaf, namoonni tokko tokko (warri garee sadaffaa keessa galuu danda’an) waan tokkummaa ykn tumsa Oromoo irraa abdii murataniif, teenyee hamma kun ijaaramutti hin eegnu, tumsa alaa barbaaduu wayya jedhanii yaadan natti fakkaatu.
Tumsa cimaa hunda hammataa ijaaruun barbaachisaa kan ta’u diina cimaa waliin qaban Wayyaanee faashistii kana dafanii kuffisuufi. Kun akka yaadaatti dhugaa dha; humna cimaa diina injifatu uumuu dhaaf tumsi akkanaa barbaachisaa akka ta’u mamiin ykn shakkiin hin jiru; kanatti hunduu waan amanuu qaban natti fakkaata. Haa ta’u malee, gaafiileen asirratti ka’an ykn ka’uu qaban: Tumsi akkanaa kun yoo akkamitti ijaarame bu’aa fiduu danda’a? Oromoo ykn QBO ti moo ormatu bu’aa caalaa irraa argata? Yoo diinni cimaan kun kufe booda hoo rakkoon QBOrratti fidu jiraa ykn jiraachuu malaa? fi kan kana fakkaatanii dha. Kanaaf, waa hunda gadi fageenyaan xinxaluu fi ittiyaaduu, akkasumas ittiqophaa’uu barbaachisa. Kan dabre irraa muuxannoo argachuu fi irraa barachuu kan barbaachisus yeroon isaa amma. Kan dabre irraa yoo hin baratamne ammoo, deebi’anii rakkoo’uma wal fakkaatu keessa akka seenan ykn galan nama godha jechuu dha.
Rakkoo dubbachuun karaa tokko; furmaata rakkoo barbaaduun ammoo karaa biraa ti. Amma garuu rakkoo kaasanii ykn dubbatanii dhiisuu qofaa otuu hin taane, hamma danda’ame, karaa danda’ameen furmaata rakkoo barbaaduun dirqama ta’a. Yaadni fi malli gara garaa maddani illee, furmaanni xumuraa waliin argamuu qaba. Furmaanni akkanaas kan argamuu danda’u yoo waliin haasa’an fi waliin mari’atan malee, taa’anii wal ilaaluu ykn waliin mormuu qofaa dhaanii miti. Taa’anii wal ilaaluu fi waliin mormuun umrii bittaa diinaa dheeressa malee uummata Oromootiif ykn qabsoo bilisummaa isaatiif bu’aa tokko illee hin fidu; kanuma arginee dabarre fi amma illee argaa jirruu dha. Oromoon humna cimaa uumuu otuu danda’uu humna qabu sanaa laaffisaa deemuun qaanii guddaa dha. Tokkummaa ykn tumsa ofii abdachiisaa ijaaruu otuu danda’uu tumsa alaa barbaaduunuu kan nama dinquu dha yoon jedhe waanan dubbii oo’ise natti hin fakkaatu. Wayyaaneen saba bicuurraa dhufte, garuu duraan mooraa ofii keessatti humna ofii waan cimsiteef kunoo har’a sadarkaa kanarra geesse.
Obboo Fayyis Oromia mata duree “Tumsi hunda hammataan yaadame kun adda ta’uu danda’aa? (Afaan keenyattan hiike) The suggested All-Inclusive Alliance: Can it be different and make a difference?” jedhuun barruu dhiyeese: http://gadaa.com/oduu/?p=5138. Gaafiin inni kaase kun gaafii gaarii, gaafii barbaachisaa, kan Oromoon hunduu of gaafachuu qabu, kan xinxaala bal’aa barbaadu fi ittiyaaduu fi itti qophaa’uus barbaachisuu dha. Dhugaa dha, tumsoota hamma har’aatti yeroo fi haala adda addaa keessatti ijaaraman irraa maaltu adda isa godhuu danda’a? Akkamitti adda ta’uu danda’a jennees of gaafachuun barbaachisaa dha. Barbaachisa tumsa akkanaa qofaa otuu hin taane, akkamitti akka ijaaramu irratti illee gadi fageenyaan ittiyaaduun murteessaa dha. Yoo qophii gaariin godhame malee, diinuma waliin qaban faashistii kana dafanii kuffisuu dhaaf jedhanii muddamaan waan biraa keessa galuun akka hin uumamne sirriitti itti yaaduu nama barbaachisa jechuu kooti. Kanaaf, barruu kiyya kan kana duraa keessatti sadarkaa sadarkaa dhaan hojjechuu qabna jedhe. Sadarkaalee kana keessatti ammoo waa hundatu xinxaalamuu danda’a; ciminni fi laafinni ni hubatama; akka humni guddachaa fi cimaa deemu taasisa; walirratti duuluun hafee irree tokkoon akka diinarratti duulamu godha.
Wanti tokko kan hubatamuu qabu, ijaarsa tumsa hunda hammataa tokko keessatti humni miseensota (jaarmayoota) tumsa kanaa yoo waliin hin qixxoofne ykn walitti hin dhiyaanne fi humni miseensa (jaarmayaa) tokkoo kan biroo kan caalu ta’e, miseensa ykn miseensota, kan humna laafaa qabani irratti dhiibbaa godhuu waan danda’uuf, boodarra kaayyoo isaanii irratti illee rakkoo fiduu danda’a. Kanaaf ammoo Wayyaanee’umtuu fakkeenya ta’uu dandeessi. Humna ofii cimaa waan qabaatteef ykn horatteef tumsa ijaarte keessatti kan biroo irratti dhiibbaa gootee, kanattis fayyadamtee, waa hundaa harkatti galfattee, kunoo akka barbaadde fi waan barbaadde godhaa jirti. Akka rakkoon akkanaa ykn walfakkaataan hin dhalanne ykn hin uumamne, dura itti qophaa’uun barbaachisaa ta’a. Qophiin duraa kun ammoo mooraa ofii keessatti nagaa fi araara buusanii, humna ofii cimsuu dha. Humni ofii kunis rakkoon tokko illee yoo uumame, kan kanaan mormuu fi injifachuu danda’u ta’uu qaba; kan uummanni itti amanuu fi abdatu, kan uummata of duuba hiriirsu ta’uu qaba. Humni akkanaa ammoo, ammas kanuman jechaa ture sanan irra deebi’aa, tokkummaa ykn tumsa mooraa QBO keessatti ijaaramu irraa dhufa; kanarraa abdii murachuun nurra hin jiru. Tumsa hunda hammataa ijaaruu dhaaf kun haalduree ta’uu qaba jedheen amana; hundee gaarii ijaaruuf malee tumsa hunda hammataa diduufis miti.
Kanaaf, wanti hunduu sadarkaa sadarkaa dhaan hojjetamuu fi tumsa hunda hammataa dura tokkummaan ykn tumsi humnoota bilisummaa Oromoo ijaaramuu qaba. Carraan tokko yoo argame, ammas akka nu hin dabarre ciminaan irratti hojjechuu fi waa hunaafuu of qopheessuun murteessaa dha. Haalli uummanni keenya fi qabsoon bilisummaa isaa keessa jiran yeroo dhaa yerootti ulfaachaa waan dhufeef; diinni keenya ammoo yeroo dhaa yerootti cimaa waan deemuuf, kaayyoo ganamaa, kaayyoo galgalaa jechaatuma waliin mormuu fi wal dadhabsiisuun, tokkummaa ijaaruu dadhabuun uummata keenyaaf bu’aa hin fidne, fiduus hin danda’au. Akka uummanni keenya gabrummaa yoomiyyuu caalaa hamaa ta’e kana jalaa/keessaa ba’u, akka haalli QBO tolfamu, akka humni keenya jabaatu fi cimu, xinnaatu illee waan bu’aa tokko fidu irratti waliin hojjechuu dha malee, akkuma dur faashinii’uma dura sana irra deddeebi’uun, sirbuma dur sirbuun diinaaf karaa tolcha malee Oromoon bu’aa irraa hin argatu. Kan dabre irraa barachuu qabna; kanarraa muuxannoo argachuu fi irraa barachuu danda’uun ammoo beekumsa guddaa fi/ykn gabnummaa dha.
Dhumarratti, marsaa (website) www.voiceoforomia.com irratti suuraa torbanii (picture of the week) jedhu jalatti dhaamasi Odaa Oromoo yeroo hunda sammuu Oromoo keessatti mul’achuu qaba; DO NOT BE THE GENERATION THAT LETS OROMO DOWN, COME TOGETHER!! Dhaamsi fi yaamichi kana caalu hin jiru. Kan yaamicha kana dide, kan waayee kana dagate seenaan isa gaafata. Dhaloota seenaa balleesu otuu hin taane, dhaloota seenaa boonsaa hojjetee dabru ta’uu qabna. Waliin haa haasofnu, waliin haa mari’annu, waliigaltee haa uumnu, tokkummaa haa ijaarru, tumsa waliif haa taanu. Walirratti duuluu dhiifnee, irree tokkoon diinarratti haa duullu. Uummanni Oromoo ijoollee isaatiin boonuu qaba malee, ittiin qaana’uu hin qabu. Nuyis bu’aa ykn dhimma dhuunfaatiif jennee waayee uummata keenyaa dagachuu dhaabuu qabna.
Galatoomaa.
* Abdii Boruu: aboruu@gmail.com
Ogaden group alleges massacre | |||
| |||
Rebels in Ethiopia's eastern Ogaden region have accused the government of killing 71 civilians in a military operation last month. The Ogaden National Liberation Front (ONLF), which says it is fighting for autonomy for ethnic Somalis in the region on the border with Somalia, said the operation against them started on May 18. It said in a statement on Friday that the offensive was launched in retaliation for a raid during which ONLF claimed to have captured a town previously controlled by the government. "The Ethiopian army combed the countryside, summarily executing men in front of their families while beating, raping or killing the women," the ONFL statement said. "The ruthless troops have so far massacred 71 innocent civilians with impunity while wounding and torturing hundreds." The Ethiopian government denied the accusations. "We are still gathering information about these accusations, but so far we can say they are entirely baseless," Shimeles Kemal, an Ethiopian government spokesman, said. He denied that military operations were taking place in the Ogaden area. Claims from either side are almost impossible to verify, as journalists and aid groups cannot travel in the poverty-stricken region without a government escort. The ONLF has been fighting for what it calls autonomy for ethnic Somalis in the Ogaden region since 1984. The conflict has taken on new significance since international petroleum companies began searching for oil and gas in the area. In April, a British geologist working for a subcontractor of Petronas, a Malaysian oil giant, was shot dead there |
June 8, 2010 - The following is a press release from the Oromo Human Rights and Relief Organization (Oromo Menschenrechts- und Hilfsorganisation – OMRHO e.V.)
In a less than two months of time, the Ethiopian court has handed down a death penalty and a life-long imprisonment on Oromo civilians for the second time.
The Ethiopian federal court handed down this time, 20th of May 2010, death penalty and harsh long time imprisonment on 7 Oromo civilians. These are:
1. Mrs. Dirribe Ettaana, sentenced to death
2. Mr. Deggu Ettaana, sentenced to death
3. Mrs. Urge Abebe, sentenced to death
4. Mr. Daniel Jaleta, sentenced to death
5. Mr. Girma Raggassa, Life imprisonment
6. Mr. Endale Nagari, 10 years imprisonment
7. Mrs. Workinesh Dube, two years imprisonment and 2000 Birr, Ethiopian currency.
Biden met with south Sudan leaders in Nairobi. He is traveling to attend the start of the 2010 Soccer World Cup in South Africa at the end of this week.
"The Vice President reaffirmed the strong U.S. commitment to seeing the referendum on Southern self-determination occur on time and in a manner that credibly reflects the will of the Southern Sudanese people," the White House said.
A 2005 peace deal to end a 22-year civil war between the largely Christian and animist south Sudan and the mostly Muslim North, included autonomy for the South, a share in oil revenues and a path to independence via the referendum in January 2011.
Biden also urged southerners to immediately being talks with the Khartoum government in the north to iron out post-vote issues like the position of the border, revenue sharing and citizen rights.
The vote is seen as a potential flashpoint for regional security and Biden promised to continue U.S. aid to the Sudan People's Liberation Army "in recognition of the serious threats to security faced by the South", the White House said.
www.reuters.com
Elders said three Ethiopian soldiers and at least 10 residents of Buhoodle district in Somaliland were killed in a shoot-out after a dispute at a checkpoint.
Residents say Ethiopia troops regularly cross into southern and central Somalia and fight Islamists controlling their towns, according to Reuters news agency.
But it is believed to be the first time that they have sought to do this in the semi-autonomous region of Somaliland, which is generally seen as more stable than Somalia. read more
ONLF special forces/ @ Ogaden Today
Heavily armed Merille Militia from Ethiopia have invaded the fish rich Dogonyang belt displacing over 200 Turkana fishermen along lake Turkana.
Following the displacement, fish harvesting on the lake has gone down.
Turkana district fisheries officer Jared Agano said the conflict had adversely affected fishing activities along the lake pointing out that Dodonyang which is a key fishing ground has been traditionally yielding high fish products over the years.
Turkana fishermen who have since fled to safer fishing grounds of Lowarengak and Kataboi expressed concern that the insecurity caused by the Merille gunmen had affected the economic activities along the lake.
They said the intruders with canoes and motorboats have been attacking fishermen in the region before fleeing back to Ethiopia.
Turkana north DC Jack Obuo is leading a powerful delegation for negotiations that will ensure eventual withdrawal of armed Merille gangs on the lake.
The meeting scheduled to take place in Kibish will among other issues discuss the rising insecurity along the Ethiopia- Kenya border where local pastoralists have engaged each other in bloody conflicts.
Last year a senior GSU officer was killed at Dodonyang by suspected Merille gunmen after they attacked a GSU camp.
Residents have appealed to the government to deploy Kenya navy personnel to secure the Kenyan territory by patrolling the lake to scare away armed foreigners.
(KBC)Kenya Broadcasting Coporation
Related news:
Daily Nation |
Abdii Boruutiin*
Seenaa biyyoota gara garaa kan gabrummaa jala turani fi bilisummaa argatan yoo ilaalle, qabsoo bilisummaa isaanii keessatti qabsoon hidhannoo bakka guddaa akka qabaate arguu dandeenya. Kun gabaabumatti wareegamaan malee bilisummaan uummata ykn saba tokkoo kadhaa dhaan akka hin argamne agarsiisa. Kan humnaan bilisummaa namarraa fudhate, humnumaan injifatama malee, yoo humni duuba hin jiraanne karaa nagaatiin diploomasii dhaan diina wajjin waliigalanii bilisummaa deebisanii argachuun waan hin danda’amnee dha. Karaa kanaan kan danda’amu illee yoo ta’e, biyyoota diingadee fi teeknoolojii dhaan guddatan, biyyoota diimookraasiin keessa jiru keessati malee keessumaayuu biyyoota akka Afrikaa keessatti waan danda’amu natti hin fakkaatu.
Seenaa saba Oromoos yoo ilaalle, erga gabrummaa Habashaa jalatti kufee kaasee uummanni keenya bilisummaa fi abbaabiyummaa dhabe deebisee argachuu dhaaf xinnaatus baay’atus qabsoo hidhannoo otuu hin godhin hafee hin beeku. Bu’aaleen har’a argaman illee kan qabsoo hidhannoorraa maddanii dha. ABOn illee otuu qabsoo hidhannoo cimsuu baatee, jijjiiramni bara 1991 argame hin danda’amu ture. Kanaaf, qabsoo bilisummaa keessatti karaa hidhannootiin qabsoo jabeessuun murteessaa dha. Diina keenyas kan sodaachifnu fi injifannoos irratti agarsiisuu dandeenyu, kan waabii ta’u, qabsoo hidhannootiin qofaa dha. Diinni keenyas waan kana beekuuf, jaarmayoota bilisa baasota keenyarratti keessumaayuu ABOrratti xiyyeeffata. Kana illee sababa godhee namoota nagaa, hidhaa, dararaa, ajjeesaa, biyyarraa baqachiisaa fi balleessa ragaa amansiisaa hin qabneen hidhaa bara dheeraa fi du’a irratti murteessaa jira.
Dhaaba siyaasaa ykn jaarmayaas yoo ta’e, jaarmayaa bilisa baasaan qabsoo hidhannoo hin qabne ykn hin gaggeessine jabeenya qabaachuu hin danda’u. Kan isa jabeessus ta’ee kan isa laaffisu, kan inni ittiin madaalamu akkaataa qabsoo hidhannoo inni ittiin gaggeessuu dha jechuu ni danda’ama. Yoon akkana jedhu maal jechuu kooti? Jaarmayaan bilisa baasaan tokko qabsoo hidhannoo cimaa kan gaggeessu fi humna waraana bilisa baasaa cimaa kan qabu yoo ta’e, jabeenyi isaas akkasuma mul’achuu danda’a. Qabsoon hidhannoo inni gaggeessu laafaa yoo ta’e fi humna waraanaa cimaa yoo hin qabaanne, humni jaarmayaa akkanaa akkasuma waan laafuuf, uummata illee of duuba hiriirsuun ulfaataa ta’uu danda’a. Yoo kun hin taane ammoo injifannoo agarsiisuun hin danda’amu; bilisummaanis achi fagaachaa deema jechuu dha....guutuu isaa dubbisuuf
Abdii Boruutiin*
Oromoorraa dhaladheef otuu hin taaane, wanti dhugaa ta’e fi ibsuu barbaadu, uummanni keenya (Oromoon) dhalootaan ykn uumaa dhaan daba waan beeku natti hin fakkaatu. Ormaa laachuu fi obaasuu; dhimma ofii dura dhimma ormaatiif dursa kennuu; waayee ofii caalaa waayee ormaatiif of miidhuu; daangaa ofiitiif caalaa daangaa ormaatiif wareegamuu; dhimma ormaatiif lubbuu ofii dhabuu fi kkf. amaloota Oromoo waan ta’aniif, waayee kanatti fayyadamanii, uummata keenya gowwoomsanii, addaan hiranii nu bitaa turan, amma illee itti jiru, borus yoo carraa argatan akkasumatti itti fufuu barbaadu. Kanaaf, diinni keenya Afaan isaaniitiin jecha “yawwaah” jedhu illee nuuf moggaasu.
Gabrummaa bar-dhibbee tokko fi wal’akkaa dhaa ol keessa jirru kana keessatti wanti uummanni keenya gabroonfataa irraa barate yoo jiraate, daba, wal tuffachuu, wal inaafuu, of guddisuu fi of tuuluu, anatu caalaa beeka jechuu, of jajuu fi kkf dha. Isaan kanatu aadaa keenyarratti dhiibbaa godhaa ture, amma illee itti jiru. Isaan kanatu amala keenya jijjiire. Amalli akkanaa ammoo qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti gufuu tokko ta’ee argama.
Biyyi keenya Oromiyaan akka teessuma isaatti (geographically) handhuura impaayaricha kanaa ti. Saboota fi biyyoota baay’ee dhaan marfamee jira. Kuni ammoo bittaa ykn gabrummaa Habashaa wajjin waa baay’ee nutti fide. Fakkeenya tokko tokko kaasuu dhaaf, sababa kanaan Oromoon saboota biroo wajjin fuudhaa fi heerumsaan akkasumas amantii dhaan walitti makamuu danda’e. Isaan kun ammoo sababoota qabsoo bilisummaa keenyaatti gufuu ta’an keessaa isaan gurguddoo dha. Akkamitti gufuu ta’uu danda’u? Oromoonni tokko tokko kan abbaan ykn haati isaanii saba (uummata) biroo ta’an, dhaloonni isaanii wal’akkaa (half) waan ta’uuf, Oromummaa dhaan boonuurra Itiyoophiyummaa filatu. Dhaloota wal’akkaa yoon jedhu abba fi haati isaanii waan gara gara ta’aniif jechuu kooti.
Karaa biraatiin ammoo amantiin, saba Oromoo keessatti, gahee guddaa taphachaa ture ammas jira. Akkuman kanaan duras barruu kiyya tokko keessatti ibsuu yaale, fakkeenyaaf, amantiin ortodooksii kristaanaa kan gabrummaa Habashaa wajjin dhufe fi kana keessatti illee gahee guddaa taphachaa ture fi jiru, aadaa keenyarratti dhiibbaa guddaa waan godhaa tureef, Oromoonni tokko tokko akka eenyummaa ofii dagatan taasise. Sababa kanaan kan ka’e, isaanis sabboonummaa fi Oromummaa dhaan boonuu dhiisanii itiyoophiyummaatti amanu. Kanaaf egaa, sababoonni gara garaa kun QBO keessatti gufuu ta’uu danda’u ykn ta’an kanan jedheef....guutuu isaa dubbisuuf