Wednesday, December 13, 2006

Gabaasaa fi ijjannoo Seminaara FIDO Abraasha 2.2006 biyya Sweden

Seminaara kanarratti Oromoonni biyyota 5 keessa jiraatan Sweeden,
Norway, Holland, Ireland fi German irraa kan argaman yoo tahu,
qondaalonni dhaabolee miseensota THBO, Adda Tokkummaa Bilisummaa
Ummata Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo fi kan Adda Walabummaa
Oromiyaa argamanii jiru. Seminaarri kun akkuma aadaa oromootti e
ybaan jalqabamee, dhimmoota asii gaditti tarreeffaman irratti
bal'innaan Eega marihateen booda, ibsa ijjannoo baasuudhaan
gammachuu gudduu fi milkii gaariin eybaan xumuramee jira.
1. Oromummaa fi tilmaama (vision) warraaqsa walabummaa Oromiyaa
(Prof Guutuu Hirphaa) Barnootaa fi mariin mata duree kana jalatti
dhihaate dhimmootta jajjaboo, kan akka "Oromummaa", "Tilmaama
Warraaqsa Walabummaa Oromiyaa" fi "Tumsa Warraaqsa Walabummaa
Oromiyaa"tiif barbaachisu irratti hubannoo hirmaatootaa cimsee
jira.
Oromummaan, Afaanuma  Oromoo dubbachu qofaan osoo hin tahin,
Aadaa, Duudhaa, Afaan fi Seenaa biyya Abbaa keenyaa (Oromiyaa)
beekuudhaan walabummaa Oromiyaatiif falmachuun ibsamtti.
 Tilmaamni Warraaqsa Walabummaa Oromiyaa, biyya Abbaa keennyaa tan
gabroomfataan Habashaa Afaan qawweetiin nu saame walaboomsuudhaan,
ummata bilisa, mootummaa birmaduu fi dimokraatawaa Oromiyaa
deebifnee jaarachuudha. Tilmaama kana galmaan gayuuf, hooggana
qaroo fi shaffisaa kan ummata Oromiyaa sagalee tokkoon qabsoof
kakaasu, kan ummata onnachiisu, kan ummata ijaaru, kan ifii
hidhatee ummata hidhachiisuudhaan Warraaqsa Walabummaa Oromiyaa
finiinsu nu barbaachisa. Hoogganni kun kan tilmaama xaliilaan
(with clear vision) Walabummaa Oromiyaa dhugoomsuuf qabsaawee
ummata Oromiyaa sagalee tokkoon hiriirsee qabsoysisu, kan diinoota
tilmaama Warraaqsa Walabummaa Oromiyaa sirritti qulqulleessee
hubatu, kan diinota tilmaama Warraaqsa Walabummaa Oromiyaatiif
takkaa hin tumsine, kan sabaa fi sab-lammoota "mirga hiree Ifii
ifiin murteeffannaa ummata Oromiyaa" amanuu fi kabajuudhaan sirna
gabroomfataa Habashaa hiddaan buqqisuuf qabsaawan wajjiin waliif
tumsu tahuu akka qabu marii fi barnoota kana irraa hubatamee jira.
2. Qabsoo Walabummaa Oromiyaa fi Tumsa ( Dr. Tafarii Lammeechaa)
Barnoota Dr. Tafarii Lammeechaa mata duree kana jalatti dhiheysanii
fi Marii hirmaatoota irraa "Tumsa" jechuun maal jechuu akka tahe,
"eenyu eenuyuuf akka tumsu" fi "maaliif akka waliif tumsan"
hubannoon cimaan argamee jira.
Tumsa ijaaruu keysatti jechi "Diinni diina kiyyaa, fira kiyya" ja'u
Jecha ir'uu tahu akeekuudhaan "Diinni diina kiyyaa, yoo diina
kiyyaas hin tahin qofa fira kiyya" tahuu akka qabu hubatamee jira.
Hubannoo kanarratti hundaawuudhaan tumsi jaarmayoota gita bittuu
gabroomfataa Habashaa waliin godhamu martuu tumsa ir'inna hubannoo
fi kan jecha dullooma irraa madde tahuu qulqulleessanii ibsanii
jiru.
Hirmaatonni seminaara kanarratti qooda fudhatan martuu adeemsa,
tooftaa Fi tarsiimoo Warraaqsa Walbummaa Oromiyaa gadi fageenyaan
xiinxalluudhaan, tumsi jaarmayoota gita bittuu gabroomfataa
Habashaa waliin godhamu martuu tumsa diinota Warraaqsa
Walabummaa Oromiyaa tahuu yookaan ammoo tumsa mal'attoo abdii
kutachuu fi kan dandeytii ummanni Oromiyaa, Oromiyaa Walaboomsuuf
qabu hubachuu dadhabuu irraa madde tahuu walii galanii jiru.
Hubannoo kana irratti hundaawuudhaan, tumsi maqaa ABOtiin
diinoota Tilmaama Warraaqsa Walabummaa Oromiyaa if keysatti
haammattee jaaramte, tumsa qabsoo Walabummaa Oromiyaa
fuulduratti tarkaanfachiisuu osoo hin tahin, tumsa namoota
qabsoo Walabummaa Oromiyaa irraa abdii kutatanii tahuu walii
galamee jira. Akkasumaan, gaaga'ama eega tumsi kun ijaaramee
as, mooraa qabsoo Walabummaa Oromiyaa keysatti uumee fi
shoororkaa sabboonummaa ilmaan Oromiyaa irratti uume gadi
fageenyaan xiinxalluudhaan, tumsi kun tumsa ol-aantummaa
gita bittuu Amaaraa dagaagsuu irratti hundaawe, tumsa
hoongessitootaa tahuu irratti walii galamee jira. Kanaafuu,
ummanni Oromiyaa tumsa maqaa ABOtiin diinota tilmaama Warraaqsa
Walabummaa Oromiyaa waliin godhame jedhameen akka hin dogoggorree
fi tumsi kun tumsa ABOn keysa jiru osoo hin tahin, tumsa abdii
kutattootaa, tumsa namoota ol-aantummaa gita bittuu Amaaraa jalatti
kufanii galma gabroomfataa Habashaa ragaa qabatamaan dagaagsaa
jiran tahuu akka hubatu, dhaamanii jiru.
3. Seenaa Waldhaansoo fi Sagantaa FIDO (Jaal Mohamad Ahmad)
Barnootaa fi marii mata duree kana jalatti dhihaate irratti
gumaataa fi Seenaan FIDOn warraaqsa Walabummaa Oromiyaa keessatti
qabu kan umrii Dheeraa fi hedduu bal'aa tahuun ifatti muladhatee
jira. Sooreysi FIDO fi THBO gootota Oromiyaa kan qabsoo Walabummaa
Oromiyaa takka ja'anii jalqaban keysaa tokko tahuun addeyafamee jira.
Sadarkaa dammaqii ummata Oromiyaa fi bara saanii keysatti, gootonni
qubaan lakkaawaman qofti abdii mataa ifii fi ummata Oromiyaa irratti
qaban qofaan sirna gabroomfataa gita bittuu Amaaraa raasuu fi
rarraasuudhaan qabsoo Walabummaa Oromiyaa armaan gayuu isaaniitiif
ummata Oromiyaa irraa jaalala, kabajaa fi galata guddaa qabaachuu
qofa osoo hin tahin, kutannoo fi murannoon isaanii dhaloota ar'aa
kanaaf fakeenya gaarii fi sabboonsiisaa, fakkeenya gootonni
Oromiyaa ar'aan tanaas hordofuu Qaban tahuun hubatamee jira.
    Seenaa boonsisaa FIDOn Warraaqsa Walabummaa Oromiyaa keysatti
bara Dheeraaf hojjate keysatti bara 1978 irraa jalqabe maqaa
IFLO jechuun Sossoohuun qabsoo Walabummaa Oromiyaa kommunistootaa
fi lootee galtoota aadaa gita bittuu Amaaraa jalatti kufte irraa
dandamachiisuuf jecha amantii Islaamaa tan aadaa nafxanyoota
ummata Oromiyaa irraa tiysite dahoo godhachuun barbaachisaa akka
ture hirmaattootaaf ibsamee jira. Kufaatii sirna Komunisim fi
dammaqqii ummanni Oromiyaa ar'aan tana irra gaye xiinxalluudhaan
baatii fuulbana bara 2005 irraa jalqabee tooftaa fi tarsiimoo
haarayaan qabsoo Walabummaa Oromiyaa fuulduratti tarkaanfachiisuun
barbaachisaa tahuun hubatamee FIDO (Front for Indedependent
of Oromiyaa) moggaasuun ibsamee jira.
      FIDOn jaarmaya Walabummaa Oromiyaa dhugoomsuuf bara dheeraaf
qabsaawaa ture qofa osoo hin tahin, jaarmaya Tokkummaa Humnota
Bilisummaa Oromiyaa cimsutti amanu, kan THBO cimsuudhaan irree
ummata Oromiyaa cimsuu irratti hojjatu tahuu fi jaarmaya tumsa
diinota Warraaqsaa Walabummaa Oromiyaa balfatu, kan aadaa diinaaf
Tumsuu hinqabnee fi kan hin fudhannes tahuun ibsamee jira. FIDOn
jaarmaya aadaa diinaaf jilbiiffachuu diduu fi aadaa gootota
Oromiyaa bara baraan dagaagsuudhaan Walabummaa Oromiyaa
mirkaneessuu irratti akka hojjatu wa 'ada tan hoggayyuu hin
irraanfannee fi gadi hin dhiifne, ummata Oromiyaatiif seenee
jira. Ummanni Oromiyaa, keysaafuu Dhaloonni haaroyni, qabsoo
hadhooytuu akaakilee fi abaabileen isaanii dhiiga ifii lolaasanii,
lafee ifii caccabsanii asiin gayan, Walabummaa Oromiyaatiin akka
gooyan waamicha qabsoo dabarsanii jiru. Hirmaattoonni seminaara
kanarratti argamaniis haalaa fi amala saba boonsisuu fi
abdachiisuun waamicha godhameef awwaatanii jiru.
4. Marii qondaalota dhaabolee miseensota THBO  Qondaalonni
dhaabolee miseenota THBO; Adda Tokkummaa Bilisummaa Ummata Oromoo,
Adda Bilisummaa Oromoo fi kan Adda Walabummaa Oromiyaa seeminaara
FIDOn qopheyse kana irratti afeeramuu isaaniitiif FIDO
galatoomfachuudhaan, aadaan akkanaa tun, jaarmayoota Walabummaa
Oromiyaatiif qabsaawan hunda keysatti akka dagaagu dhaamsa isaanii
gammachuun dabarsanii jiru. Kana irrattis dabalee tarkaanfiin
miseensonni THBO yeroo ammaa fudhataa jiran hedduu kan nama
gammachiisu tahuu akeekanii jiru. Keysaafuu, tarkaanfii Gumii
Adda Bilisummaa Ummata Oromiyaa dinqisiifatanii miseensni THBO
hundi fakkeenya gaarii kana hordofuudhaan THBO yeroo gabaabaa
keessatti jaarmaya tokkummaa qabsaawoota Walabummaa Oromiyaa
hunda haammattee ummata Oromiyaa fi Addunyaa guutuu wajjiin sagaleen
tokkoon dubbatu akka tahu dhaamsa isaanii dabarsanii jiru.
Ar'aan tana humni nafxanyaa kan waggaa 120 ol ummata Oroimiyaa
dhiiga lolaasaa, lafee caccabsaa turellee, bifa haarayaan if
ijaaree Oromiyaa diiguu, ummata Oromiyaa gargar kuk'kutuu fi
Qabsoo Walabummaa Oromiyaa abdii kutachiisuuf tooftaa haarayaan
booddeysitootaa fi diinota keysaa qabate as bahee jira. Diinonni
Walabummaa Oromiyaa hundi irree tokkummaa qabsaawoota Oromiyaa
waan jibbaniif tumsi maqaa AFD je'amuun ijaaramellee diina
keysaa meeshaa godhatee harka lafa jalaa fi ifattillee THBO
irratti olola diigaan duulaa jira. Haalli fokkataan keysaan
dhalate bifa isaa jijjiiratee humnota alagaallee dabalachuun
THBO irratti duuluun isaa waan maluuf, miseensootni THBO cufti,
kakuu fi wa'ada ummata Oromiyaatiif seenaan haarayoomsudhaan
akeekni THBO irratti ijaarame Walabummaa Oromiyaa dhugoomsuu
tahu irra-deebi'anii ummata Oromiyaa fi Addunyaaf Afaan tokkoon
ibsuu qofa osoo hin tahin, adeemsa diinota keysaa fi kan siyaasaa
humnota alagaa sirritti hordofuudhaan olola diigaa THBO irratti
xiyyeeffatame afoo dhaabachuu fi hoongessuun akkaan barbaachisaa
tahee mul'ataa jira.
   Keysaafuu, hawaasni biyyoota ambaa keysatti gar-gar faffaca'ee
Jiraatu olola diinaa kanaaf ragaadha. Akkasumaan, Wayyaaneen namoota
tokko tokko bu'aa bubuutuun ifitti haammachuun, hawaasa Oromoo biyya
ambaa keysa jiraatu keysatti shoororkaa fi jeequmsa uumuuf
tattaafataa jirti.
   Diinonni irree ummata Oromiyaa jibban, hawaasa keenya gargar
Faffacaasuuf tooftaa gara-garaatiin tattafatanillee, ummanni
Oromiyaa carraa argate hundatte fayyadamee, tokkummaa qabsaawoota
Oromiyaa akka barbaadu gama hundaan irra-deddeebi'ee ibsaa jira.
Hoogganni THBO tooftaa diinonni keysaa fi alatti hawaasa keenya
ittiin diiguuf tattaafatan kana gadi fageenyaan hubachuudhaan,
THBO dirqama if Irratti fudhatee hatattmaan ummata ijaaruu irratti
bobbahuudhaan fedhii hawaasa keenyaa guutuu fi fuullee hundaanuu
qabsoo walabummaa Oromiyaa keysatti hirmaachisuun hedduu
barbaachisaa tahuu hirmaatonni seeminara kanarratti argaman hundi
walii galanii jiru.
   Qondaalonni dhaabota miseensa THBO'niis dhaamsa ummataa kanaa
Hooggana THBO'n akka dhaqqabsiisan wa'da galanii jiru.
  5. Lola Wayyaaneen Ummata Oromiyaa fi biyyoota olla irratti
adeemsiftu Ilaalchissee ( Marii fi ijjannoo hirmaattootaa )
Hirmaatonni seeminaara kanarratti argaman martuu haala siyaasaa
Addunyaa, kan Gaafa Afrikaa, kan Impaayera Tophiyaa, kan Oromiyaa
fi biyyoota olla Oromiyaa irratti bal'innaan waliin mari'atanii
jiru. Keessattuu, akeeka, adeemsaa fi jeequmsa Wayyaaneen
Oromiyaa fi Gaafa Afrikaa keessatti adeemsiftu takka takkaan
xiinxalluudhaan ibsa ijjannoo kan asii gaditti muldhatu baasaanii
jiru.
    Ibsa ijjannoo FIDO'fi hirmaatoota Seminaara FIDO irraa
  Seminaara Addi Walabummaa Dimokraatummaa Oromiyaa kan maqaa
FIDO'n Beekamu marraa duraatiif Awropha biyya Sweden magaalaa
Stockholm
keysatti godhe, milkiin xumurame. Murtiilee fi ijjannoo
hirmaatoota Seminaaraa akka armaa gadi jiru kana;Wayyaaneen Gaafa
Afrikaa jeequu fi shoorarkeysuu malee, nagaya hin beytu! Wayyaaneen
aadaa lola cubbuu malee, aadaa nagayaan olloota sii wajji jiraachuu
kan hin dandeenye tahuu ajjeechaa, hidhaa, dararaa fi saaminsa
Wayyaaneen ummata Oromiyaa fi ummatoota ollaa Oromiyaa jiraatan
hundarratti waggoota kudha shanii ol adeemsisaa jirtu irraa
hubachuun ni dandayama.
Lolli Wayyaaneen fuullee hundaan ummata Oromiyaa irratti labiste
Qabeenya Oromiyaa ibiddaan barbadeessuun, hooggantoota waldaya
gargaarsaa jilmaan hiitee qabeenya waldayaa saamuu fi waajjira
isaa cufuun, barattoota Oromiyaa barnoota irraa arihuu, ugguruu
fi hidhuun, dhukkuba daddabraa tooftaan babal'isuudhaan ummata
Oromiyaa waraanaan, beelaa fi dhukkubaan lafarraa fixuu bira
dabree kan akka carraa lubbuun hafe hiyyummaa fi doofummaa
jalatti hambiftee gabroomfachuuf akeeka Wayyaaneen yeroo dheeraaf
baafatte tahuu ragaa qabatamaan ifaa bahee jira. Ajjechaan
Wayyaaneen guyya-guyyaan ilmaan Oromiyaa irratti waggaa 15
guutuu dalagaa jirtu, akeeka Wayyaaneen ummata Oromiyaa lafarraa
duguuguuf baafaatte tahuu ifaatti mul'isa.
Wayyaaneen aadaa shiftummaa/terroristummaa fi diinummaa
babal'isuu Malee ummata kamiifuu akeeka biraa hin qabdu.
Ajjeechaan ummata Sidaamaa, ummata Anyuwak fi ummata
Shakkaa-mazangir irratti jimlaan raawwatte, akeeka Wayyaaneen
ummatoota ollaa Oromiyaa jiraatan hundaaf qabdu ragaa baya.
Daangaa biyyoota Gaafaa Afrikaa seera malee cabsuudhaan nagayaa
fi Ollummaa Rabbii ummatoota hundaatuu booressuun aadaa Wayyaaneeti.
Daangaa Keniyaa yeroo hedduu seenuudhaan lammii Keniyaa ajjeeftee
jirti. Qabeenna ummata nagayaa waraanaan saamtee jirti. Eritrea
irratti lola labsitee ummatoota ollaa wal ficcisiiftee jirti.
Lubbuu fi qabeenya ummataa barbadeessitee jirti. Nagaya ummata
Sudan
booreessitee jirti.Akeekaa fi dalagaan Wayyaanee hundi
walabummaa biyyoota Gaafa Afrikaa afaan qawweetiin saamuudhaan
ummatoota Gaanfa Afrikaa jiraatan hundarratti sirna gabrummaa
ijaaruu qofa. Aadaa fi muuxannoon Wayyaaneen Addunyaa guututti
mul'iftees mootummoota Gaanfa Afrikaa irratti lola labsuu, mirga
dhala namaa afaan qawweetiin saamuu, lubbuu ilmoo namaa balleessuu,
qabeenya ummataa saamuu, nagayaa fi tasgabbii ummatoota booressuu
fi humnota bilsummaa ummataatiif falmatan maqaa xureessuudhaan
lolaa fi jeequmsaan sirna gabrummaa akka goflaatti Gaafa Afrikaa
keessatti babal'iisuuf tattaafachuu qofa.
Lolli Wayyaaneen amantii golgaa godhattee Somaliyaa irratti
labsites akeeka, aadaa fi muuxannoo Wayyaaneen mirga dhala
namaa afaan qawweetiin saamuu irratti qabdu kana Gaafa Afrikaa
keysatti babal'isuu malee hiikkaa biraa hin qabu. Wayyaaneen
aadaa diinummaa babal'isuu fi lola/Terroristummaa labsuu malee,
aadaa nagayaa waan hin qabneef, lolli Wayyaaneen Somaaliyaa
irratti labsite kun Gaanfa Afrikaa guutuu jeequmsa guddaa
keessa kan galchuu tahuu fi jeequmsa dhalatu hundaaf itti
gaafatamaan Wayyaanee tahuu Addunyaa guutuuf ibsina.
Mootumoonni Addunyaa, Hawaasaa fi jaarmayoonni mirga dhala
namaatiif dhaabbatan martuu, lola Wayyaaneen amantii golgaa
godhattee sirna gabrummaa fi jeequmsa guddaa Gaafa Afrikaa
keessatti babal'isuuf labsite tahuu hubatanii lolli kun osoo
hin babal'atin akka dura dhaabatan waamicha goona.
 
Ummata Oromiyaatiif: 
Wayyaaneen biyya abbaa keenyaa (Oromiyaa) afaan qawweetiin nu
saamtee Guyyaa guyyaan dhiiga keenya lolaasaa fi lafee keenya
caccabsaa jirti. Qabsoo Walabummaa Oromiyaa maqaa xureessuuf
tattaafataa jirti. Ummata Oromiyaa fi ummatoota ollaa isaa
jiraatan walitti diruuf amantii golgaa godhattee olola dharaa
cubbuu fi shira xaxaa jirti. Ajjeechaan, hidhaan beelaa fi
dhukkubaan biyya teenya irratti nu fixuun isii hanqatee,
dhiigaa fi lafee keenya biyya ambaa keessatti bobeessuuf
tattaafataa jirti.
 mangudoonni, haawwotiin, dargaggootaa fi shamarran Oromiyaa
hundi Shira Wayyaaneen ummataa fi Qabsoo walabummaa Oromiyaa
irratti xaxaa jirtu Kana hubachuudhaan harka walqabattanii
Wayyaanee if irraa tan dhumaatiif buqqisuuf waan qabsoo haqa
irra jirtaniif akka itti fuftan waamicha isinii goona.
Matoota Amantiitiif:
Matoota Amantii Islaamaa fi Christaanaa shira Wayyaaneen
ummata Oromiyaa irratti hojjattu gadi fageennaan xiinxalluu
fi hubachuudhaan ummata keysan gorsaa fi barnootaan akka biraa
dhaabbattan isinitti dhaamana.
Ummata biyya ormaa jiraniif:
Sababaa gabroomfataa Abashaatiin biyya Abbaa keessan  irraa
buqqatanii Akka nama biyya hin qabneetti jiraachuu keessaniif
gaddi nutti dhagayamuu daangaa hin qabu. Bakka jiran fi carraa
argatan hundatti fayyadamuudhaan falmii abbaa biyyummaa itti
fuftan malee biyya ifii argachuun hin danda'amu. Carraa argattan
hundatti fuyyadamuudhaan mootummoota Addunyaa, hawaasaa fi
jaarmayoota mirga dhalaa namaatiif dhaabbatan qunnamtanii
shira Wayyaaneen ummata Oromiyaa irratti hojjattu hunda
saaxiluun qabsoo ummata keessanii akka gargaartan waamicha
lammummaa isiniif goona.
 
Dhaabolee Oromiyaa:
 Ummanni Oromiyaa gabroomfataa Abashaa if irraa kaasuuf Oromiyaa
Dhuunfachuuf qabsoo hadhooftuu wal irraa hin cinne bara dheeraaf
deemsisaa jira. Diina keessaa fi alaa, bakkaa fi haala hunda
keessatti if irraa tiysaa qabsoo ummata keessanii finiinsuun
diina biyya teenna dhuunfate if irraa kaasuuf, harka wal
qabattanii fuul duratti akka tarkaanfattan isin gaafanna.
Lolli Wayyaaneen amantii golgaa godhattee Soomaaliyaa fi
humnota bilisummaa ummata isaaniitiif falmatan irratti
labsite, labsa qabsoo walabummaa Oromiyaa irratti xiyyeeffate
tahuu hubachuudhaan daandii Tokkummaan Humnota Bilisummaa
Oromiyaa THBO'n taraare cimsitanii Addunyaa guutuu fi ummata
keessanitti sagalee tokkoon akka dubbattan isinitti dhaammanna.
Dhuma irratti; Jaallan kanneen Siminaarri kun akka milkiin fiinxaan
Bahu qooda dafqaa, dinaggee fi barnootaa nuu dhiheysitan, gumaachi
keysan, Gumaacha bilisummaa Oromiyaa haa tahu jenna.
Dhaamsaa fi galata:
Dhaabonni Walabummaa Oromiyaatiif qabaasawan martuu fedhii,
hawwii fi dhaamsa ummata Oromiyaa sirritti caqasuudhaan
daandii THBO taraare cimsanii ummata Oromiyaa qabsoof Kakaasuu
fi onnachiisuudhaan gaaddisa THBO jalatti ijaaranii fi
hidhachiisuun qabsoo walabummaa irratti akka hirmaachisan
FIDOn asumaan dhaamsa hirmaatootaa dabarsa.
Dhumarratti, Oromoota qophii seeminaara kanaa irratti galma
walagayii Nuuf qabuun, nyaataa fi dhugaatiin, bakkee bultiitiin,
dinaggeen, yeroon, yaadaa fi humna isaaniitiin nu gargaaran,
akkasumaas Oromoota karaa dheeraa fi gabaabaa kutuun seeminraa
kanarratti hirmaatan hundaanuu galani keessan walabummaa Oromiyaa
haa tahu jedha. Galata arkadhaa!
 
Tokkummaan Humna!
 
Oromiyaan ni Bilisoomti!
Qindeysitoota Seminaara FIDO

No comments: