Monday, March 05, 2007

OROMO

Anaa-nyatu saba koo
Saba dhiigaan tokkoo
Saba Afaan tokkoo
Saba aadaan bal'aa!
Mee of keessaa baasi
Muka qottoo jal'aa
Qabsoo faffaca'aa
Warri itichaa jirtan
Bishaan miila gaye
Mataa hin anqatuu
Yeroo Baale reeban
Shawaan maaf hin kaatuu
Yoo Arsii xuqan
Wallagga maa hin kaatuu
Yoo Arargeen xuqan
Booranni maaf teessaa?
Nuti dhiiga tokkoo
Oromoo dhageessaa?
Akka ilmaan Hoolotaa
Tokko yoo qalatan
Kaan, alala nyaatan
Jedhan yoo mammaakan
Qabsoo itichinaa
Nuti ilmaan namaatii
Yoo Amboo jalqabe
Jalqabaa jimmatti
Wallaggatti dabarsaa
Qaarsisaa baaletti
Harargettis himaa
Warra Haroo maayaatti
Hin dagatin dhaamaa
Ijoollee Booreetti
Wallo hin irraafatin
Warra goraadeetii
Qabdanii nu hin qaltan
Hooftanii nu hin hiitan
Nuti ilmaan namaatii
Nuti Hoolota mitii
Wal irratti lolaa
Oromoon ka'aatii
Ijaarsa, ijaarsa
Ijaarsa barbaadaa
Qabsoon ta'uu qabaa
Oromootaaf aadaa
Mirga koo hin dhiitin
Qabeenyaa koo hin saamin
Aadaa koon tifkadhaa
Mirga koon eeggadha
Ani ana malee
Eenyumalleen mitii
Ta'uullee hin dandayuu
Gara fuulduraatti.
Ani yoon of tuffadhee
Jarattis makame
Kan isaaniirra hin jiruu
Kan koo irraas haqamee
Waan nama feesisu
Namaaf barbaachisu
Mantaafii Aadaa
Afaaniifii biyya
Nan qabaafan iyyaa
Kan namaatiif mitii
Maafan dhiisa kiyyaa?
Maan callisee laalaa
Akkuma wallaalaa
Daljeessi abbaa maasaa
Akkamittiin dhaalaa?
Hattuu alaa dhufee
Mana sitti diigu
Yoo ati irribaa... dammaqixe
Kan fiigu
Dabeessa abbaa garaa
Isa onnee hin qabne
Mataa irrtti baannaa
Ari'uu dadhabnee?

From Oromo's mail to ona@oromiannationalacademy.com September 14, 2006

No comments: