Monday, April 16, 2007

Oromia>>Ijji koo, ija koo baqate! fi NAMOON OF BAQATE

Ijji koo, ija koo baqate!

Ijjii ijjaa hin argitu
Gooba funyaannitu rakkisaa
Daawiitiin fakkii ilaalu
Ijja of agarsisaa
Namni funyaan goobsatu
Hin qabu duris beekumsaa
Dhugaa fakkii daawiitii
Ijja seenaat boosisaa
Imiimman bishaan miti
Hidda-dhigaati burqaansaa
Dhugaan dhokatte hin haftu
Yerootu bilisa baasaa

Dhugaa qabda obbo Balchaa
Eenyumaatu qorichaa!

Eenyummaa hin dhoksanii
Yoo dhoksaan ta'u raatu
Eenyummaaf gowwomani
Lammii ofii komatu
Lammii hidhaata badee
Addaggee qomoo gaantu
Qoorattii dhoqqee keessaa
hoo wooraantu hin muldhatu
Hadhee namatii taatii
Maalaan hoo nama nyaatu
Akka dhiitoo muudaanmuddii
Eejjennaa nama hin laattu
Akka saafaa bara caamsaa
Kan daafqa goota yaaftu
Addaagee hin abdatanii
Kan kaakatee nama gantuu!
Waan hundaa hin himatanii
Mee seenaaf nuuf haa bultu!

Yoo sooran bulloo soruu
Ittin sirbu foollee Gadaa
Yoo farsaan ittin boonuu
Qondaala taalila yaadaa!

Booreef koorata dhaqnee
Nyaanee galaa ingirdada
Seenaaf eenyummaa gatee
Nutti roobstti gaddaa
Galma kam dhaaqnu laata?
Toorbii naanoofnu lataa?
Waan jarreef ta'u hooda!

Dr. Dhugaasaa irraa
====//====


NAMOON OF BAQATE



Bareeddittii intalaa,
Kan Afrikaaf qacalaa,
Magaallee akka kuulaa,
Keessumaa gadi baatee,
Harma ishii sirriin hootee,
Dugda ishii faa luqqiftee,
Akkanatti jabaattee,
Akka kanaan guddatte.
Gaafa ati of barte,
Naaf baradhu siin jettee,
Waan qabdu hunda gurgurtee,
Huccuu faa sitti bittee,
Kophee faa sitti dirtee,
Hunda siif gumaachitee,
Barumsaaf si ergite.
Gaafa duraa..
Ah! keessummaan nutti dhufte,
'Kun aadaa keenya' jettee,
Abaabileen marcuma itti butte.
Booda keessummaan bubbultee,
Keessaa hundaa gaaf barte,
'Siruma hin deemu' jettee,
Siinqee Abbaa Gadaa fudhatte.
Akka kanaan atis kaatee,
Kanuma keessa tartee,
Mana barumsaa seentee,
Minnoo fi mindinnoo hasawuu eegalte.
Yaa Namoo..
Sanumaan itti fuftee,
Kan bariin dhangiyamte,
Isa Rabbi siif laate,
Dagachaatuma adeemte.
Dagachuu bira luftee,
Haasawuu isaa itti dhiifte,
Edda dubbiin siif galtee,
Kanuma ambaa dirattee,
Fannifattee ittiin kaattee,
Jaburuurtee jaburuurte,
Ah!.. mee Namoo maaluma taatee?
Yaa Namoo kiyya..
Barachuun kan kee silaa,
Bu'aa buusuudhaaf tola.
Ammas ittuma fuftee,
Baar gama faa naaf ceetee,
Carraa gaarii argattee,
Anaan natti fakkate.
Inni manaa si bare,
Achiitis mataa si maree,
Ebuu qacalaa irraanfattee,
Atis barcuma buttee,
Ammas kan kee san gattee,
Kan biraa barbaadattee,
Ol fudhattee diratte!
Ajaa'iba!.. darsa guuraadhum taate.
Namoo..
Mee garagalii ilaali,
Isaa kan keetiif yaali,
Yoo dagattellee shaakali.
Yoo kana hin godhiin turte,
Akkuma duraa itti fufte,
Egaa horma komachuun haftee,
Hin wallaaliin yaa Namoo harkaan of dhabamsiiftee!
.. harkaan of balleessitee!!
.. harkumaan of ajjeefte!!
Yaa Namoo ilama aayyaa,
Ani kana jechuun kiyya,
Onnee fi jaalala biyyaa,
Of tahuudhum siif wayya,
Malee hin qabu dhalootaan iyya.
Ifa Urgeessaa, 2002
Finfinnee, Oromiyaa


No comments: