Sunday, April 15, 2007

Oromia>> Dhiiga Gootaa


Apr 13, '07 9:43 AM
for everyone







DHIIGA GOOTAA
 
                               
 
Dhugaan hawwaalamte hirriba dhorkitee
 
'' Maaloo naaf birmadhaa '' jettee itti watwaattee
 
Jireenya mi'ooftuu itti hadheesitee
 
Sammuu isaanii  keessatti hidda biqilichitee
 
Bakka  deeman  mara isaan waaliin deemtee
 
Alkanii fi Guyyaa walii wallaalichistee
 
'' Gabrummaan Dukkana ''jettee itti hasaastee
 
'' Yookaan  Bilisoomaa yookaan  du'aa ! '' jettee
 
Mamii tokko malee garaa kutachiistee
 
'' Alli koo fi manni koo Qabisoo ! ''
jechisiisitee
 
Lagatti bobbaaste manaa isaan baastee.
 
 
Kufanii  ka'anii  ka'anii kufanii
 
Itti beela'anii itti dheebotanii
 
Qabsoo bu'uursanii ka wareegamani
 
Akka Hoolaa rakoo ka mormaa qalamani
 
ka karaatti afan ka  awwaalamani
 
Du'a akkamalee ka Harkaan hudhamani
 
Ka duuni dhokate ka jiraa dhabamani
 
Haqa falmatanii  ka nu irraa adda bahani
 
Ka qananii haa taatu ekeraan isaanii
 
Goggogee hin banne !  tasa Dhiiginni  isaanii.
 
 
Duumes   irra bu'ee hin gaadiddeesine
 
cululuquu isaa hin gurraacheesine
 
Bokkaan itti roobee dhiqee hin balleesine
 
Lolaans fudhatee ittiin hin godaanne
 
Bubbee inni hamaan tasuma itti hin buune
 
Ittiin balali'ee fuudhee Biyyaa  hin baane
 
Cabbiin irra ciisee  awwaalee hin dhokkisne
 
Xammee xammisiisee badee hin balleesine.
 
 
Cophee dhiiginni Gootaa  biqilee idda baasee
 
Guddatee dagaagee latee baala  baasee
 
Hidda isaa fageessee damee isaa jabeessee
 
Qancaree gaamaree Firii isaa ramibaasee
 
Oromiyaa guutuu firii isaa facaasee
 
Firii isaa irraa cuunfee Boba'aa irraa baase
 
Boba'aan  Boba'ee nuuf dukkana ibse
 
Isa rafaa jiru tutuqee sochoosee
 
Asi raasee achi raasee irriba irraa kaase
 
Daa'immanni xixiqqoo sossobee hurursee
 
Kotikkotee guddise Seenaa  gurra buusee
 
warri Dhiiga isaanii tasaan  dhangalaase
 
Akkuma qoosaatti Lubbuu isaanii baase
 
ka jireenya isaanii lafa irraa balleese
 
ka jiruun doorsisuuf qalee conqolaase
 
Yoo itti fakkaates waan qabsoo kolaase
 
Isaanis ajjeesee waan kaayyoo balleese
 
Gurra isaa banatee yoo qalbiin caqase
 
Qabsoo hin ajjeesine daran itti cimse !
 
Lubbuu yoo balleese   ekeraan lalise
 
Yoo tokko ajjeese  kuma   bakka busee
 
Guddina qabsichaa isatti agarsiise
 
Ammas haa hubatu haa yaadu  fageessee
 
Qabsoon keenya haqa kanatuu dagaagise
 
Galiin Bilisummaa  guyyaan gaafa geesse
 
Galiin Bilisummaa  guyyaan gaafa geesse.


(walaloon kun Aaddee Meetii (meetii66@yahoo.de) irraa nuqaqqabe. Aaddee Meetii, maqaa OromiaTimes n hedduu isin galateeffanna! Itti nuu fufaa!)

No comments: