Saturday, November 25, 2006

Oromoo>>Tarkaanfii WBO diina irrati fudhaate


Sadaasa 23, 2006 (Oromiyaa) - Odeessa WBO

Zoonii Kaaba Bahaa Goodinoota Diida-niinnii fi

Hassan Aammee. Humni Furgaatuun WBO

Zoonii Kaaba bahaa tan GoodinaHassan Aammee

keessa sochootu loltoota wayyaanee fii

ajajoota warra fadraalaa irratti tarkaanfii laaleessaa fudhachuun

lubbuu fi qabeenya isaanii irra kasaaraa guddaa geessisan.

Akka kanaan gaafa dhuma ji'a onkololeessaa kuma lamaafi jaha(10/06) naannoo Sanbatee ona Sanbaa ganda funyaan danbii bakka ja'amtutti tarkaanfii fudhatamteen ajajoonni fedraalaa 2 fii loltoonni 5 du'anii 10 ol madaawan, akkasumatti konkolaattoonni isaanii 4 daaraawan. isaaniis konkolaataan lama(2) Izuzii, tokko Landi kuruuzer, tokkoos Haluxe. Lola kanarrti Qawweeleen PKM 2 fii Kilaash tokko fi Moobaa'ilii tokko booji'uun dantaa qabsoo bilisummaa oromoof oolfaman.

Haala kanatti gammaduun maadhoonni Sadan makkannaa, fii dheeraa bonbii harkaa fi lamaa fii Qarshii 202 bir battalumatti WBOf arjoomanii fuulduraafiis akka qabeenyaa fii lubbuu isaaniitiin WBO cinaa jiran hubachiisan.

Wayyaaneen haala humna furgaatuu WBO goodina Hassan Aammee kanatti rifachuun torbaan dabre keessa ji'a sadaasaa 06 loltoota baayyinaan fiddee ganda funyaan danbii keessa mana barnootaa barattoota keessaa yaasanii qubsiisuun akka ummata rakkisan godhaati jiran, duraaniis wayyaaneen ona kanatti oromoo fi Afar walitti diruun akka ummanni lamaan walfixan godhaa ture, ammaas ummata oromoo qawwee humnaan irraa hiikanii warra Afar immoo hidhachiisaati jiran ummata oromoo irratti duulchisuuf ufii isaanitiifiis Afar fakkaachuun ummata oromoo dhiiraa dhalaa xiqqaa guddaa odoo hin hanbisin jumlaan akka kanaan dura fixaniis odeessi keenya ni mirkaneessa.

yeroo ammaa loltoonni achi qubsiifame kuni konkolaataa kabateen isaa 00924 ED qabu fudhatanii gandoota keessaa ummata funaananii akka hidhatti guura jiraniis ni ibsama. Sabani isaatiis isin ummata Afar fii waraana fedraalaati ajjeestan jechuuni kan kana godhaa jiran.

********

Wayyaaneen ummata oromoo kan Harargee duula hidhaa fii ajjeechaa itti banuun bal'inaa rakkisaa jirti. akka kanaan torbaan kana keessa magaalaa Bordoddee kaasee hanga Dirree-dhawaatti gara nama 200 olii qabee sababa tokkoon malee hidhatti guuree qabeenya hammana hin jedhamnees irraa saamee jira, kun odoo jiruu guyyoota 22/11/06 fii 23/11/06 gandoota Dirree-dhawaa keessaa gara nama 5 nii ol qabanii akka hidhaniis barame sababa ABO gargaartan jechuun hidhaafii saaminsaan ummata akkamalee rakkisaa jiran, warri kana wayyaanee dura bu'ee raawwachiisaa jiru waraana wayyaanee waliin

1, Liqamanbar Shiinoo Abdullahi Shantee 2, Abdi gees Ibraahim Elemoo 3, Husseen Bayaan Turribbaa kanneen maqaa isaanii olitti xuqame kuni Ona mayyuu muluqqee keessatti warra wayyaanee wajjiin torbaan kana keessa duula ummata irratti banuun hidhuu fii saamsisaa jiraniidha,

Bifuma walfakkaatuun gara Qunbbiittiis kan ummata rakkisaa jiru Ismaa'il Abdullaahi Aadam Mataa nama jedhamuudha, jara kanaan sabboontoonni oromoo nannnoo sunii yoo gochaa kanarraa if deebisuu baatan tarkaanfiin maayyii akka isaanirratti fudhatamu hubachiisaan.

*********

Guyyaa sanbata lamaan

(sadaasa 18-19,2006) darbe

kan Aanaa baabbilee iddoo

qoree fi bombaas jedhamtutti

humni hin beekamin tokko

tarkaanfii waljala walitti

aansee fudhateen waraan

wayyaanee kudha tokko

ajjeesee kan lakkoofsi

isaa hin beekkamne

madeessee jira.

*********

No comments: