Monday, August 11, 2008

Ibsa Ejjeennoo Walgahii Gumi Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo


THBO akka humna tokkummaatti yoo fudhanne, jaarmayaa qabsoon Oromoo haala amma
irra gahe irraa fuudhee, gurmuu tokkummaa Oromootaa caalatti magarsee, galma isaan
kan gahu jechuu keenya. Humna bilsummaa Oromoo itichuudhaan, dammaqiinsa um-
matichaa, humna jaarmayaa - kan siyaasaa fi hidhanoo taasisee - jijjiirama dhugaa kan fidu,
jaarmayaa tokkummaa jaarmayoota bilisummaa Oromiyaa jabeessee gamtaan kan hiriirsu
jechuu keenya. Jaarmayaa injifannoolee keenya kan dabran utubee, dadhabillee keenya kan
dabran haqee, dogoggora keenya foyyessee, itti fufa qabsichaa mirkaneessu jechuu keenya.
Mooraan bilisummaa Oromiyaa, humna ta’ee, dadhabbillee fi gufuulee qabsoo bilisummaa
dura jiran buqqisee, qabsoo saba keenyaa kan bakkaan gahuu danda’u, tokkuummaan
dhugaa yoo jabaatte ta’uu hundinuu hubachuu qaqba jennaa.
full report

No comments: