Friday, August 01, 2008

J/Lichoo Bukraa The OLF executive committe has resigned from ShG ABO

Gara: WHD-ABO, ShG-ABO, GS-ABO,
Dhimma: Murtii ani Hin marihachiifamin maqaa ShGn faca'aa jiru mormuu fi Miseensummaa ShG ABO Gad dhiisuu beeksisuu ta'a.

Nagaan haa dursuu!

Rakkinni dhaaba teenna ABO keessatti mudataa jiru sadarkaa ulfaataa dhaqqabuun ni beekama. Rakkinnootni kun kanneen yeroo dheeraaf keessattu nu hooggana olii jidduutti deemaa turee fi laakkuma buluun bifaa fi akkaataa gara garaa qabataa dhufuun hundaaf ni yaadatama.

Rakkina dhaaba keessatti hoogganaa fi miseensota addaan baasuutti dabalee gurmuu tokkummaa ummata bal'aa Oromoo haphisu mudate kanneeniif, walgahiin GS ABO gara walakkeessaa baatii 3ffaa 2008 Dubarbwa-Asmaraa, Ertiriyaatti geeggeffame murtii, tarkaanfii fi (ykn) araara eegamu osoo hin godhin addaan ka'uu mudate ture. Tessumni GS sun furmaata humaatu akka hin fidin fi rakkinnii dhaabichaa kanaafu qaama olaanaa dhaabaa sanaan akka guduunfaa humaatu hin argatin walgahii sanarratti fi walgahii ShG itti aanee taa'e irratti yaada kiyyaa akka nama tokkootti ibsachaa ture. Inumaa Walgahiin GS sun ka'umsa diigamiinsa dhaabichaaf bu'ura akka ta'eetti hubadha.

Haalotni ergasii dhadhalachaa dhufan kamuu kanaafu, kan hooggannii olaanaan sadarkaa WHD, ShG fi GS illeen sadarkumaan wal gahanii furmaata dhaabicha dandamachiisuu ariitiin waliin dhalchuu kan gaafatu ture. Sanarra kan argame, namuu garuma jiruutti dhaabbii fi ilaalcha hawwu jabeeffataa deemuu mudate. Akka qaama olaanaatti garuu morkaa fi mormii qabbaneessuu fi furmaata qofaaf hojjatuuttu nurraa eegama. Rakkoo kamuu keesatti mataa ol qabatanii dhaabaaf fi Oromummaaf jedhani akkauma kaleesa kakanneetti bal'aa faca'insaa fi diigumsa dhaabaa fi ummata Oromoo mudatu kana hanqisuuf waliin hojjatuutti nurraa ture. Sunis hin taane.

Ani gaafa 31/05/08 maqaa hujii Diplomaasii Afrikaa jedhuun gara Nrb-Kenyaa ergame ture. Dhimma itti ramadameef fi na laalu irratti tattaffii hujiilee itti ergame guutummatti dhuma baatii waxabajjii 2008tti qaama na bobbaaseetti galchee ture. Ammas Nrb dhuma jira. Yeroo kana keessatti, rakkoon dhaaba keessatti deemaa as gahe gara addaan galuutti kan nama geessu hangaa ta'utti illee, SHG ABO murtiilee akka qaamaatti dadabarsaa jiru kamuu akka miseensa qaama isaatti guyyaa tokkoo illee na marihachiisee hin beeku. Kan dhumaa murtii dhuma ibsa miseensota GS ABO ar'u amma akkuma nama kamiitu koppiin naa ergamu kanaas, kan maqaa walgahii ShG hattatamaan ba'e kanaas, akka qaamaatti hin hirmaachifamne.

Murtiin akkanaa kun ijaaraa fi kan furmaata fidu osoo hin taane ammoo, caalaatti akka sadarkaa dhaabaa fi ummataatti addaan gallu taasisa malee, kan nagaa, seera, naamusaa fi tokkummaa jabeessu tahee natti hin mul'atu. Kanaaf murtii qajeelaa tahee hin argamne jedhee yaada.
Waan taheef, haala maqaaf qaama ShG keessatti maqaan na dhahamaa, ammoo murtiin qaamaa kanaan bahu kamuu hin marihachiifamne, kan akkanuma koppiin murtii jaallan silaa waliin hojjannu jedhamnuun dabru, keessatti murtiin maqaa ShG dhaan dabru kamuu kiyyaa akka hin taane hubachiisa. Akkasumaatti illee qaama keessatti yaadaa fi murtiitti hirmaadhee balaa dhaaba ABO mudataa jiru kanaaf furmaata godhu hin dandeenne keessatti itti fufee hirmaachu keessaa hafuuf dirqame jira.

Kanaaf, murtiilee balaa dhaaba mudataa jiru itti sharafuu malee furmaata humaatu hin finne kan maqaa ShGtiin faca'aa jiran kanneen akka namaatti mormataa, akkasuma mormaa, guyyaa ar'aa irraa kaasee, miseensummaa ShG ABOn hojjachuu kiyyaa akkanaan dhaabuuf dirqamu kiyya gadda guddaan hunda beeksifadha.

Jaallan,
Hiree ummataa fi jaallan kabajamoo ilmaan Oromoo haga dandeettii fi beekumsa kiyyaatti tajaajiluuf qabsaawotnii baroota kurna tokkoo oliif naa laatani turaniif, galata seenaa galchaaf!
Hubannoota, baruumsa, beekumsaa fi gorsii akkasuma qeeqotni adeemsa hujilee qabsichaa waliin hojjataa turre gara garaa keessatti hundarra argadhe anaaf kuusa beekumsaa hin dhumanne kan seenaan guduunfamu naa taha. Haa tahu, Osoo isin nu hin dadhabin, nu hooggannii filattan isin dadhabuuf hedduu gadda. Hiree kanaan, ilmaa fi intala Oromoo dandeettii, gahummaa fi mooyxannoo haalaa fi yeroon gaafattu kan na caalan qaban akka bakka buufatan qabsaawotaaf dhaama.
Galatoomaa!!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Lichoo Bukhuraa
01/08/08
Nairobi-Kenya
J/Lichoo Bukraa The OLF executive committe has resigned from ShG ABO

No comments: