Friday, August 15, 2008

Sagaleen Bilisummaa Ummata Oromoo (Voice of the Oromo People)



Sagaleen Bilisummaa Ummata Oromoo (Voice of the Oromo People) sagantaa Afaan Oromootin biyyaa fi naannoo Oromiyaatti dabarsu Dilbata, Hagayya 17, 2008 eegala. SBUO (VOP) torbaanitti guyyaa sadi, Dilbata, Kiphxataa fi Kamisa, galgala saa’aa 7:00 – 8:00 tti (akka lakkoofsa Oromootti) 15,670 kiloHertz meetir baandii 19 irratti dabra. Akeekni SBUO hafuuraa fi sochiin jijjiiramaa fi haaromsaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti mul’acchuu jalqabe akka jabaatee dagaaguu fi injifatu gochuun ummanni Oromoo mirga abbaa-biyyummaa, mirga siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa akka gonfatu hojjata.

SBUO odeessa dhugaa fi madaalawaa (factual and balanced news), odeeffata gara garaa (informative interviews), xiinxala ilchaataa (commentaries) fi barmota siyaasaa fi hawaasummaa akkasumas qophii aadaa warraaqaa ummata Oromoon gahuun ummata Oromoo mirga isaaf falmachiisa. Sagaleen Bilisummaa Ummata Oromoo sagalee dhugaa, sagalee warraaqsa bilisummaa Oromoo ta’uun gurmuu fi tokkummaa qabsaa’otaa fi saba Oromoo jabeessiti. Oduu gammachuu tana firoota, saahiboota, olla fi namoota beektan hundaan gahuun maammila SBUO akka taatan kabajaan isin gaafanna.

SBUO waadaa ulfaataa kana fiixa baasuu akka dandeettu gochuuf yaada, gorsaa fi gumaata yoo qabaattan teessoo kana irratti nuu qunnamaa: SBUO2008@gmail.com

Boordii Bulchiinsa SBUO

Source:Oromo Index

No comments: